Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu'aan Qonnaan Bultoonni Buna Oomishan Argatan Gadi Bu’aa fi Han Fooyyee Barbaadu Jedhan


Muka Bunaa
Muka Bunaa

Itoophiyaa dabalatee, galiin biyyoonnii buna oomishaan argatan gadi bu’aa ta’uu fi gaatiin bunaa abootii qabeenyaa gurguddoo muraasan han murtaa'u ta’uu yaa’iin Finfinnetti torbaan kana dhimma bunaa irratti godhame eeree jira.

Buna Naanoo Oromiyaatti argamuu gabaa addunyaati han dhiheessu Waldaa Qonaan Bultoota Oromiyaa Buna Oomishaniiti. Itti aanaa dura ta’aan waldaa kana, Obboo Dasaalany Jennaa ​akka jedhanitti Itoophiyaa keessatti bunni harkii 95 qonaan bultootani han oomishamuu yoo ta'uu, harki 5-7 immoo warra iddoo qonnaa gurguddaa qabaniini.

Obboo Dasaalany walii-galteen fi mariin oomishtoota, warra buna biyyaa alaatti ergaanii fi warra biyya keessatti buna gurguruu irratti boba’an hirmachisu gochuun barbaachisaa dha jedhanii, dhaabni oomishtoota bu’aa argachiisurratti xiyyeeffatu barbachiisuu dubbatan.

Yaa’ii kanarratti namoota argaman keessaa, dura ta’an Dhaabata Oomisha Buna Daawwii jedhamu obboo Warquu Addoo gabaan bunaa harka namoota muraasaa jira jedhanii, “oomishtoonni bunaa waan argachuu qaban hin argatan. Kun immoo akka isaan hojii kanarraa fagaatan godhaa, oomisha bunaas gadi buusa. Kanaafuu dhaabaanii bunaa han sadarkaa addunyaa dhimma kanaratti hojjachuu akka qabun yaadachiisa" jedhaniiru.

Karaa biraatin, naannoo ummata Kibbaatii dhaabni oomisha bunaa, Amaaroo Gaayoo irraa Aadee Haannaa Toomaas, oomishtoonnii fi warri buna gara biyya alaa ergan warra buna bitu wajjin kallattiidhaan wal-qunnamuun akka oomishtoonni bu’aa argamurraa fayyadaman godha jettee, kun ta’uu dhabuun isaa galii argamu akka xineesuu dubbatti.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG