Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii Gargaarsa Tokkummaa Mootummootaa Horii Rakkataa Itoophiyaatiin Gargaaran Ji'a Sadiitti Walti Guuruuf Karoorfate


Oromiyaa ollaa Haloo,Amajjii 31,2016
Oromiyaa ollaa Haloo,Amajjii 31,2016

Itoophiyaatti rakkoo jijjiiramii qilleensaa,El Niño fide jedhaniin nama miliyoona 10.2 caalutti gargaarsa eegata.

Dhaabii gargaarsa ilmaan namaa Tokkummaa Mootummootaa,OCHA (Coordination of Humanitarian Assistance) nama miliyoona hedduu kana horiin ganna tokko keessatti gargaaruu dandahaniin doolara biliyona 1 fi miliyoona 400 jedhee Muddee dabre keessa gabaase.Yoo beesee Itoophiyaatti deebisan ammoo qarshii biliyoona 25.

Taatullee akka gabaasa OCHA hardha baaseen jedhetti horii gaafatan akka dansaa hin arganne.Tanaaf OCHAN ji’a sadeen dhufaa,bulti 90 keessatti horii nama Itoophiyaa rakkoo jijjiiramii qilleensaa itti fideen gargaaruu dandahan walti qabuuf karoorfate.

Akka itti gaafatamaan OCHA damee Itoophiyaa Ahunaa Onuchii jedhutti bona Itoophiyaa jabaatee hammaatetti gargaarsii guddaa gaafachiise.

Akka daarekterii biiroo gargaarsa balaa alaa dhaaba Amerikaan misooma biyya alaatiin gargaartuu USAID,Jermii Konindaayiki yoo dhiyoo Itoophiyaa imaltuu dhaqe jedhetti bonii baranaa(2016) ka bara 1977 caalaa hamaa

“Bonii kun bona hamaa.Fulaa haga tokkotti bona akkanaa ganna 50 keessatti arganiituu hin beekan.Gaafa Tirgaay dhandhee warraa lafaallee dubbifne bona akkanaa haga dhalanneeyyuu arginee hin beennuu ka bara bara 1983 fi 1984 caalaa nuun jedhan. Taatullee balaan isaa ka bara 1983 fi 84 tahaa jennee hin eegnu.Maan jennaan bona kana adoo inni dhufinuu durattuu beenne malee nurra hin buune.USA fi dhaabbileen gara garaa ganna dabree asittuu rakkoon tun hin dhufti jedhanii gargaarsa gafachaa bahan.”

Nama Itoophiyaa miliyoona 10 fi kuma 200 gargaarsa eegata jedhan keessaa hagii miliyoona 8 warra akka hamaa jiru ka sagantaa safety net jedhaniin gargaaruutti jiran.

Dhaabii qarqaaraa Tokkummaa Mootummootaa kun ji’a sadeen dhufaatti nama Itoophiyaatti rakkatee horii guddaa walti qabuuf deema.

Horii Muddee dabare gaafate doolara biliyoona 1 miliyoona 400 keessaa haga ammaatti doolara miliyoona 700 qofa argate.

Gabaasa sagalee.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:42 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG