Korri nageenya niiwkileerii magaala guddittii Ameerikaa Waashingtan Diisiiti taa'ame, han hoggantoonni biyyoota 50 caalan irratti hirmaatan sodaa Kooriyaan Kaabaa niiwkileerii jajjabeeffachuu fi fayyadamuu maltii jedhu irratti xiyyeeffate.
Jimaata darbe kana sab-qunnamtiin Kooriyaa Kibbaa tokko oduu “Kooriyaan Kaabaa misaa’elii galaana Jaappaanti dhukaaste” jedhu erga gabaasee Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa ija shakkiitin wal- eggachaa jiran.
Pirezdaantiin Yunaaytid Isteetis(US), Baraak Obaamaa, walgahii guyyaa Kamisaa hoggantoota Kooriyaa Kibbaa fi Jaapaan wajjiin godhan irratti haala itti gaafatamtoonni Kooriyaa Kaabaa keessaa niiwkileerii itti balleessan mari’atan.
Muummichi ministiraa Jaappaan, Shinzoo Aabee, gama saanitiin, “ dhimma nageenyaa irratti Jaapaan, Yunaaytid isteetis fi Kooriyaan haala itti wajjin hojjatan mijeessun barbaachisaa dha” jedhanii, “rakkinnii fi sodaa guddaan Kooriyaan Kaabaa niiwkileer ishii jajjabeessaa dhufuu dha,” kun immoo biyyoota sadeen kana qofa mitii hawaasa addunyaa hunda sodaachisaa jedhaniiru.