Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Lolaa Jijjigaa fi Naannoo Ishee Dhaqqabe Lubbuu Namaa Galaafate


Gamoo Fooq-dheeree, Magaala Jijjigaa, 2010
Gamoo Fooq-dheeree, Magaala Jijjigaa, 2010

Jiraattonni magaalaa Jijjiragaa VOAf akka ibsanitti dilbata glgala naannoo sa’aatii lamaa roobni hangi tokko akka turee fi battaluma caamuu isaa dubbatan. Gara naannoo sa’aatii shanii garuu lolaan bishaanii utuu hin yaadamin ganda 04,05 fi 06 naannolee jedhaman irra guutee danbal’ie jedhu jiraattonni kun.

Maqaan isaanii akka hin dha’amne kan gaafatan keessaa jiraataan tokko haala dilbata galgala uumame tokko ennaa yaadatan akkas jedhan:

Roobi sun battala came. Lolaan bishaanii garuu sagaleen isaa guddaa kan akka sagalee xayyaaraa fakkaatu ture.Ennaa inni magaalaa keessaa nama fudatee adeemu iyyatu ture. Ibsaan daandii irra waan hin turreef dukkana ture jedhan.

Lolaan bishaanii naanoo isaanii ture xiqqoo ta’uu ibsanii lolaan sun keellaa isaanii akka hin seenne ittisuu malee homaa gochuu akka hin dandeenye dubbataniiru. Miidhaan dhaqqabe TV Itiyoopiyaa irratti kan himameen ala ragaa mirkanaa’aa kan hin qabaannee fi angawoonni poolisii fi gandeen har’as naannoo Sanaa irra deemanii galmeessaa ka turan ta’uu ibsaniiru jiraattuun kun.

Jiraataa ka biroon obbo Salaaddiin Bekirii jedhaman gama isaaniin jiraattonni magaalaa Jijjigaa irra hedduun galgala caatii qama’uu waan amaleeffataniif miseensonni maatii isaanii hangi tokko qama’aa turuu isaaniif isaan keessaa tokko annan fiduuf ennaa adeemu lolaa sana arguu isaa dubbatu.

Obbo saladdiin akka jedhanitti ittisa bishaanii guddaa tokkotu naannoo keenya waan tureef isatu cabsee waan ba’e nutti fakkaate ganama garuu lolaa bishaanii ta’uu isaa hubanne jedhan.

Lolaan sun magaalaa naannoo isaanii ture Cinaagsen jedhamu keessatti rooba dhufe irraa ta’uu ka dubbatan jiraataan kun kaleessaa fi har’a reeffa namootaa barbaaduuf yaalii godhameen reeffi namoota 23 argamuu isaa dhageenye jedhan.

Isaan kan beekan namni tokko maatii isaa hafan waliin lubbuun nama saddeetii darbuu isaa dubatu.

Galgala irraa qabee naannoo ganda 04 keessatti maatii tokko irraa namoonni saddeet jechuun haati tokko ijoollee ja’aa fi obboleessa ishee waliin maatii tokko irraa du’aniiru jedhan.

Akka gabaasa Associated presitti dilbata galgala naannoo Affaar keessattis aanaalee Magaallee fi Daalool keessatti roobi yandoo cabbii fi qilleensa hamaa makatee roobeen lubbuun namoota shanii darbee jira.

Balaa lolaa Jijjigaatti dhaqabeen lubbuun namootaa darbe.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:02 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG