Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Gama Dhiyaa Fi Ameerikaan Haala Mirga Namaa Itiyoopiyaa Irratti Ejjenoo Cimaa HIn Qabaanne Jedhu Mormitoonni


Beyene Peexroos , dura taa’aa gamtaa Medrek.
Beyene Peexroos , dura taa’aa gamtaa Medrek.

Mormitoonni motummoota warra dhiyaa irratti komeen dhiyeessan erga filannoo bara 1997 qabee mul’ataa ture.

Michmmaa cimaa mootummaa Itiyoopiyaa waliin qaban dogoggora jiru sirreessuuf itti hin gargaaramne jedhu. dura taa’aan gamtaa Medrek professor Beyene Peexroos VOAf akka ibsanitti kanaaf sababaan gocha sab quunnamtii uummataa IHADEG jedhan.

Sirni IHADEG kan inni ittiin beekamu keessaa tokko hojii hariiroo uummataa ti.

Gama kanaan kanneen Itiyoopiyaa daawwatan Boolee dhaa qabee isa duras ta’uu danda’a akkuma isaan ga’aniin weeraruu dha. Kaan isaaniis ani hayyuu dha. Miseenssa paartii siyaasa kami iyyuu miti jechuu dhaan afaan IHADEG ta’anii jara kanatti marsu.

Biyyoota warra dhiyaa biratti immoo ani qorataa dha ani sana. Ragaa qabadheen dubbadha kanneen jedhan kabajaa qabu. IHADEG tooftaa kanatti akkaan gargaarama jedhan.

Dura taa’aan Medrek kun yaada kana kan dhiyeessan daawwannaa itti aanaa ministrii dhimma alaa US fi kan miseensota paarlaamaa ittiin ka’umsa godhachuun ture.

Ministrii dhimma alaa Ameerikaatti itti aanaa ministriin dhimmootii dimokraasii, mirga namaa fi dalagaa Tom Malino-wiskii gara Itiyoopiyaa kan dhufan marii gamtaa kan mootummoota Itiyoopiyaa fi Ameerikaa kan waggaa irratti hirmaachuuf jecha.

Dhimma Oromiyaa qabee hanga qooda hawaasi sivikii qabutti, dimokraasii babal’isuuf yaalii godhamaa jiru ilaalchisee mari’atamuu isaa itti aanaa minsitrichi VOAf ibsaniiru. keessumaa dhimma Oromiyaa ilaalchisee kan isaan yaaddesse illee ibsaniiru.

Dura taa’aa Medrekiif garuu haala Oromiyaa kan yeroo ammaa dabalatee yaadi mootummaa ameerikaa biraa dhiyaatu ga’aa miti. Ameerikaan dimokraasii fi dhimmootii mirga namaa irratti ejjennoo cimaa hin qabdu jedhan.

Jiloonni garee dimokraatotaa fi sooshaalistii kan paarlaamaa Awrooppaas dhuma torban darbee daawwannaa Itiyoopiyaatti geggeessan xumuraniiru. Kan jiloota kana waliin mari’atan professor Beyene peexroos jiloonni kun haala qabatamaan Itiyoopiyaa keessa jiru ragaa sab quunnamtiin uummataa Ihadeg dhiyeessuttii adda ta’uu hubataniiru jedhan. Kan IHADEG itti hime paartii hunda hirmaachise, as yeroo ga’an kan biyya bulchu paartii tokkicha qofa jechuun jiloonni kun dhuga jiru hubatanii deebi’an jechuu dhaan professor Beyeneen VOAf ibsaniiru.

Gabaasa sagalee.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG