Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakki Ciisichaa Barattoota Haramayaa Ni Gubate


Karra Yuniversitii Haromaayaa
Karra Yuniversitii Haromaayaa

Guyyaa kaleessaa jechuunis Ebala bultii 5 bara 2016 galgala gara sa’aatii sagalitti ibiddi doormii barattoota universitii Haramayaa keessatti ka’ee qabeenyaa mancaasuu isaa jiraattonni fi barattoonni nuuf ibsanii jiran.

Hanga ammaatti lubbuu namaa irra miidhaan kan hin geenye ta’uu isaaf doormiin barattoonni haaraan keessatti baratan kan Damara jedhu gubachuu isaa nuuf ibsaniitu. Barataa universiticaa keessaa tokko barataa wabii Yaadataa haala ibidda ka’ee Sanaa akkas jechuun naaf ibse

Jiraataan Haramayaa tokkos haala ibiddicha Sanaa maal akka ture gaafannaan ibidda kana maal akka qabsiise hin beekamu garuu galgala ijoolleen utuu naannoo kutaalee ciisicha isaanii turanii ibiddi kun ka’e. Ittiin ka’umsi ibidda kanaa maal akka ture qabeenyaa fi lubbuu namaa irra hoo miidhaan dhaqqabe yoo jiraate adda baafachuuf gara itti gaafatamaa nagaa fi nageenya Yuniversitii Haramayaa Komaander Isheetuu Kebbedeetti bilbileen ture.

Ibiddichi kaleessa galgala gara sa’aatii sadiitti ka’e. haalli ibbiddichaa sichi qulqullaa’aa jira. San booda bal’inaan sitti himna. Garuu lubbuu namaa irra waanti ga’e hin jiru. Qabeenyaa irra miidhaan hangi tokko ga’eera.

Barataanis yeroon sun yeroo qayyabannaa waan ta’eef mana kitaabaa keessa turan. Ittiin ka’umsi isaa shiboo elektrikaatu walitti bu’e. san booda barattoonni library dhaa dhufanii qabeenyaa isaanii walitti qabatan. Ibidda sanas dursee barataa dha kan dhaamsuuf yaale.

Ibiddi sun hagas guddaa waan jedhamu miti. Kan gubates bolookii afur qofa malee gamoo mara miti. Ragaa qulqullaa’aa argachuuf qorannaan geggeessamaa jira jedhan.

Kana duras haaluma wal fakkaatuun ibbiddi ka’uu isaa barattoonni dubbatanii doormiin jedhame kun keessi isaa komparsaatoo alaan qoroqrroo waan ta’eef akka salphaatti gubachuu danda’a jedhan. Barattonni yeroo ammaa barnootatti deebi’anis sababaa isaa waan hin beekamneen keellaa dhaa akka gad hin bane ittifamuu isaanii barattonni kun ibsaniiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:38 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG