Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmnuuleen Ameerikaa fi Awurooppaa Dhiheenya Itiyoophiyaatti Hoogganoota Mormitootaa Oromoo Dubbisan Moo?


Muulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO
Muulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO

Jila Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Toom Maalinoowiskii hoogganamee fi gurmuu Gamtaa Awurooppaa dabalatee, aangawoonni sadarkaa Addunyaa dhiheenya Itiyoophiyaa daawwatan irra-jireessa waa’ee mormii Oromiyaa keessatti baatiilee afurii olliif geggeessamaa jiruu fi tarkaanfii mootummaan fudhatetti fuuleffachuun ka haasawaa turan ta’uu tu dubbatamaa jira. Itti-aanaa minisarri Yunaayitid Isteets, Toom Maalinowiskii, mootummaan Itiyoophiyaa rakkoo Oromiyaa keessatti uumameef itti-gaafatama fudhachuu isaatti ka gammadan ta’uu eeranii, “garuu, tarkaanfii qabatamaa irraa eegaa jirra. Gaaffii uummataas deebii kennuu qaba.

Loogoo KFO
Loogoo KFO

Waltajjii siyaasaa illee mormitootaaf banuu qaba,” jechuun isaanii gabaasamee jira. Gamtaan mormitootaa beekamaan Medrek garuu, “Motummoonni sadarkaa Addunyaa dhimma kana irratti ejjennoo jabaa hin qabaanne” – jechuun, dhiheenya tuta gaazzzexeessotaaf ibsa kenne. Kanumaa, gurmuun aangawoota Ameerikaa fi gurmuun Gamtaa Awurooppaa dhiheenya Itiyoophiyaatti imalan dhaabota mormitootaa mormii Oromiyaa keessaa qooda guddaa qabanii fi mootummaan balaaleffataa ture dubbisan moo hin dubbisne? Yoo dubbisan tahe maal maal mari’atan? Yoo hin dubbisne tahe immoo maaliifi?

Itti-aanaa dura-taa’aa Konfiresa Federaalawaa Oromoo, Obbo Mulaatuu Gammachuu waliin gaaffii fi deebii geggeessine dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG