Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasiin Amerikaa Finfinnee Jiru Jidduu-Gala ‘Aadaa fi Teknooloojii Amerikaa’ Finfinneetti Bane


Jidduu-Gala Aadaa fi Teknooloojii Amerikaa (Finfinnee)
Jidduu-Gala Aadaa fi Teknooloojii Amerikaa (Finfinnee)

Jidduu-Galii(US Cultural Center)jedhan ka faaydaa teknooloojii guddaa irraa argatan jedhan kana maqaa Col.John Roobinsonitti moggaasan.

Robinson lammii Amerikaa hidda dhalata Afrikaa qabu barumsa balalii xuyyuura Itoophiyaatuutuu guddisee asiin gahuu hin oolu jedhaii galateeffatan.

Jidudu gala kana Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruu,Ministirii Turiizimii Aadaa,Kuusaa Biyyoolessaatii fi Ejensii Manneen Kuusaatti waliin qopheesse.

Jidduu-Gala kana ambasaaddera Amerikaatti eebbisiise
Jidduu-Gala kana ambasaaddera Amerikaatti eebbisiise

Eebba tana irratti Itoophiyaatti ambaasadera Amerikaa Patrishaa Haashlaak, Pirezidaanti Itoophiyaa, Mulaatuu Tashoome fi Ministirii Adaa fi Turizimii Itoophiyaa Aaddee Ayishaa Mohammed faatti itti dhufe.

Oduu himaan Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruu,David Kennedy akkana jedhe.

"Jidduu-Galii eegii mootummaan Hayilee Sillaasee jige ganna 40 duubatti baname kun fulaa itti hjjataniin gargargorullee qalbuma duriitiin hojjanne Ijoollee kahimaatti irraa faaydaa argata.”

Namii daawwii dhufuu fi miseensa Jiddu-Gala kanaa dhufu miseensaatii fi daawwii dhufutti miseensotaa fi daawwattootii kitaaba US 190,000 elektiroonikiin jiru,barreeffama qorannoo gara garaatii barreeffame miliyoona 1 fi kuma 500 fi odeeffannoo Amerikaa tolaan argatan hedduu qaba.

Hujii tana hojjachuuf embasiin Amerikaa qarshii miliyoona 10 fi kuma 75 itti baase.Akka jecha ambaasaaddera Patrishaatti hujii tana irraa namii Itoophiyaa cuftii wa irraa barata,beekusma ufiitiin jabeeffatanii aadaa ufiitin guddifatanii,keessumattuu joolleen dargaggo faaydaa guddaa irraa argatan.

Jidduu-Gala aadaa fi teknooloojii
Jidduu-Gala aadaa fi teknooloojii

Jidduu-Gala kana Baankii biyyolesa Galmee Biyyoolessaa biratti banan.

Amerikaa Jidduu-Gala akkanaa maqaa Col. John C. Robinsoniin moggaasan kana addunyaa keessaayyuu fulaa 700 qabdi, Afrikaa keessaa 100,kana keessaa Itoophiyaatti Bahir Daar, Dirree Dhawaa, Jimmaa fi Finfinnee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG