Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya Adda Addaa Irraa Dhufnee Nagaan Waliin Jiraanna: Lammiiwwan Ameerikaa


Duula filannoo presidentummaa ameerikaa miilanaa, ilaalchi farra koolu galtummaa Ameerikaa keessatti waan heddummaataa adeeme fakkaata. Garuu hawaasa as Washington DC ala jiru kan gosoonni 130 ta’an keessa jiraatuuf sanyii adda addaa irraa walitti dhufuun yaaddoo utuu hin ta’in cimina.

Gareen namoota suraa kaasanii akkaataa jireenya hawaasa guddataa jiruu galmee suraa isaanii keessatti kuufataa jiran. Jalqaba ennaa argamu daandiin km ja’a fagaatu daandiwwan magaalaa kanneen biroo irraa adda hin fakkaatu. Itii dhiyaatanii ennaa ilaalan garuu daldalawwan uummata sanyii adda addaa irraa dhufan kutaa VA Arlington, Columbia Pike bakka jedhamu wal cinatti argamu.

Ogeessi suraa kaasu Lloyd Wolf jireenya isaa irra hedduu daandii Columbia Pike cina jiraate. Daandiin kun bara 1810 kan hojjetame ennaa ta’u Washington irraa gara Virginiatti daandii geessu guddicha ture. Erga bara 1970mootaa qabee jedha Wolf koolu galtoota naannoo addunyaa irraa dhufan mara ofitti hawwata.

Daandiin Columbia Pike ittumaa jaal’atamaa adeeme. Gosawwan dhibbaan laka’aman kanneen biyyoota adda addaa irraa dhufantu bakka kana walii galteen jiraatu. Kanaafi kan nuti waraabamuu qaba jennee yaadneef.

Wolf fi namoonni suraa kaasan afur ka biroo naannoo kana waggoota kudhanii oliif kan jiraatan ennaa ta’u jireenyi uummata naannoo kanaa illee qalbii isaanii hawatee jira. Kanneen akkasii keessaa tokko Claudia Camacho jedhu. daandii Columbia Pike jedhamu irraa mana nyaataa warra Bolivia kan qaban ennaa ta’u naannoo kana waggoota 23f jiraatan.

Hedduun jaal’adha. Naannoo kana dhiisanii deemuun hedduu ulfaataa dha. Namoota kutaalee addunyaa garaa garaa irraa dhufantu as jiru. Aadaa adda addaa waliin wal baruufis carraa argatta. Dhugumatti namatti tola. Mohammed Mohammed waggoota 25 dura gara naannoo kanaa dhufan. Suuqii isaanii meeshaawwan Itiyoopiaa dhaa dhufan gurguru.

Daldalan asitti jalqabetti milkaa’een jira. Warreen adii, lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa, uummanni spaanish, warrea Asia, warra Arabaa fi biyyootii Afriikaa garaa garaa irraa maamiltoota qabna. Kanaaf walii walii keenya beekna. Waan waliin qooddannu qabna. Aadaa fi afaan walii qabajna. Hedduu itti gammanna. Anis baay’een itti gammada jedhan.

Naannoon manneen daldalaa xixiqqoon kun keessajiran aadaa fi sanyii adda addaa irraa kanneen dhufan ka biyyoota kutaalee addunyaa irraa dhufan kurna hedduuf keessa jiraatan iyyuu ka ogeessa suraa kaasuu ta’e Lloyd Wolf akka jehudtti ati asii dhufte jechuun wal qooduun hin jiru.

Asii martinuu wal make jira. Naannoon kun kan Warra Vietnamii ykn kan Arabaa, kan warra Somaalee jechuun wal qoduun hin jiru. Martinuu waliin jiraataa, waliin hojjeta. Kanaaf hedduu namatti tola jedhe. Yeroo tokko tokko feestivaalli gosoota adda addaa daandii irratti geggeessamuun akka aadaatti fudhatamee jira.

Warri Bangladhees feestivaala ofii isaanii asitti qopheeffatu. Garee dhiichisa warra Boliiviyaa 30 ta’antu biyyattii keessa jiru. Gareen kun waggaa waggaatti Lammiiwwan biyyattii kuma sadii ta’antu daandii Columbia pike jedhu irratti wal ga’u, hedduu bareedaa dha. Wlof fi gareen isaa kitaaba mata dureen isaa “Living Deversity” jedhamu projektii seena galmeessaa maqaa daandii Kanaan moggaafame keessatti kuusame maxxansee jira.

Lloyd Wolf akka jedhetti kan akkasii addunyaa waliin hirmaachuu barbaanna. Jecha kana yeroo hedduun itti fayyadama. Nagaan kan akkasii fakkaata. Namoonni walii galtee qabaachuu. Kan ta’uun nu irra jiru akkasi jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG