Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xurunesh Dibaabaa Uulmaa Baatee Kaatee Moote, Almaaz Ayyaanaa Diqqumaaf Rekordii Haaraa Dhabde


faayil footoo:Xurunesh Dibaba mirga,Belaynesh Oljira jidduu fi Gladys Cherono Keenyaa dorgommii bara 2013
faayil footoo:Xurunesh Dibaba mirga,Belaynesh Oljira jidduu fi Gladys Cherono Keenyaa dorgommii bara 2013

Atileetotii Itoophiyaa dhiyoo tanaayyuu dorgommii biyya alaa moohumatti jiran.

Xurunesh haadha ijoollee taatee ganna lama turtee uulmaallee baatee dorgommii Ingilaadni,Great Manchester United km 10 tana 31:16. moote. Atileetii Keenyaa Edna Kiplagat itti aanee lammeessoo taate.

Almaaz Ayyaanaa ammoo dorgommii Raabaat, Morookootti dorgoman m5000 diqqumaaf rekordi haaraa dhabdee 14:16.31 moote.Senberee Teferii sadeessoo taate.

Almaaz Ayyaanaa
Almaaz Ayyaanaa

​Mootee irraa baatee wa gaafatanii jennaan “qilleensii guddoo bubbisaa akka dorgommii itti deemu keessaa tokko rekordi haaraa moohaa jedhe,” jette. Olompikii Biraazili irratti metiri 5000 fi 10,000 moohuuf kurfoo jiraachuu isii dubbatte.

Qananiisaa Baqqalaa,maqaan isaa warra dorgommii moohu keessaa dhiyoo tana hin mumullanne kaanilleen dorgomii magaalaa Great Manchester United irratti tokkeessoo tahe.Kiiloo Metirii 10n tana daqiiqaa 28 fi sekondii 08 keessatti moohe.

Taatullee moohullee Olompikii Biraazl ta baranaatiif filamuu dhabuutti hin gammannee jedhee Rooytersitti hime.

"Filatamuu dhabuun kiyya anaa gamamchuu miti.Namii maratooniin na caalu Itoophiyaa keessa hin jiru.”

Qananiisaa Beqqelee bara 2011
Qananiisaa Beqqelee bara 2011

Kubbaa Miilaa:Dorgommii kubbaa miilaa COPA De Rey baranaa Barseloonaatti Seviilaa 2-0 moohee qabaadhate.

Dorgommii FA CUP barana ammoo Manchestr Yunaaytiditti Kiristaal Paalaasi 2-1 mootee waancaa fudhatte.

FA Cup maqaa dorgommii waldaa kubbaa miilaa Awurooppaati.Kilabii 736 jalqabe.Goolii Jeesee Liingard taphii dhumatee daqiqaa 30 itti dabalan keessatti galcheefitti akka Yunaaytid mootu tolche.

Jeeseen goolii galche kun taphii dhumatee wa gaafatani itti midhaaffadhee dhiitee kubbaalleen fulaa dansaa naa buutee jedhee gammachuun qiliixamaa dirree keessaa burraaq.

Innii gammachuun lafa dhiitaa dabrullee manaajerii isaa kilabii tana leenjisuuf ganna lamaan bitatan Louis van Gaal mataa buusaa nagaa dhaamtee dirree bahe.

Nama kana kontiraata ganna sadiitii bitatanillee akka fedhan hin taaneef jedhanii kotoraata haaressufu didatan. Innilleen tana ufuma irratti eegachaa bahe.

Gaal nama ganna 64 durii kiali Nezerlaandis leenjise ganna doolara miliyoona 7 ti mindaan isaa.Manchester United amma manaajera Chelsii ka durii Josee Moriinootti manaajra itti tahe.

Amerikaan ammmoo dorgommii Koppaa Amerikaa, biyyootii North Amerikaa waliin taphatan, torbaan lamaan duubatti jalqabduuf kurfoo jirtii nama 23 itti filatte.Kana keessaa tokko gurbaa ganna 17 Kiristiyaan Palalisic,kilabii Jermeniitii taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG