Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa bakka adda addaa keessaa namoonni achi buuteen dhabamaa jira: Jiraattota


Godina gujii aanaa Oddoo Shaakkisoo keessaa humnoonni mootummaa jiraattota hanga tokko uummata hookkaraaf kakaastu maqaa jedhuun qabanii to’annaa jala oolchu. San booda maatiin gaafachuuf gara mana sirreessaa dhaqani iyyuu eessa akka jiran namni itti himu hin jiru jedhu jiraatonni magaalaa Shaakkisoo. Namoonni qabamanii achi buuteen dhabame jedhan kun eenuyfaa ti? JIraataan magaalattii haala uumamee nuuf ibsaniiru.

Gama kaaniin godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessa ka jiraatan maanguddoon umuriin waggaa 70 olii obbo Dhaqqaboo Waariyoo dhiyeenya karaatti humnoota mootummaan qabamanii achi buuteen isaanii dhabame jechuun maatiin isaanii fi jiraattonni naannoo himataa jiru. Haati warraa isaanii aadde Dinqinesh Ukkaas haala abbaa warraa isaanii VOAf ibsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG