Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mohammad Alii Nama Islaamummaan Addunyaa Irratti Akka Beekamnu Qabsaa’ee


Konkolaata reeffa Mohaammad Alii Baatee Deemaa ture
Konkolaata reeffa Mohaammad Alii Baatee Deemaa ture

Musleemoota shiyaa sunnii salaaffii fi sufii hundumaa har’a kutaa Kentaakii keessatti kan walitti fide nama beekamaa maqaan isaa Mohammad Alii jedhamu.

Sirnii yaadannoo mohammed Aliif qohaa’ee akka amantii Islaamaatti magaalaa Aliin keessatti dhalateetti kan gaggeeffame yoo ta’u uummanni kuma hedduun gadda itti dhaga’ame ibsuun yeroo dhumaaf nama akka addunyaa irratti beekamnu nu godhe jedhan kana nagaa itti dhaaman.

Kanneen sirna kana irratti argaman keessaa Roula Alloch akka jedhantti Sababaa isaan mul’achuu fi Boquu ol qabachuu dandeenye, Kunis Akka ofitti boonnu nu godhe. Sababiin isaas akka musleemoota Amerikaatti eenyummaa keenyaaf jabinaan qabsaa’aa ture jedhu.

Nadiyaa Hassan kaaliforniyaa irraa sirna kana irratti kan argaman yoo ta’u kan Mohammad Alii akka gaariitti beekanii fi jallatan Obboleessa abbaa ishee fi abbaa ishee bakka bu’uun ka dhufte ta’uu dubbatti. Aliin qajeelfama ofii qabuun jiraachuu fi du’uu barbaada jette.

Musleemootas ta’e kan hin ta’iin kanneen Aliin jireenya isaanii keessatti waan gumaache qabu ardii fagoodhaa imaltuundheeraa keessa darbuun dhufanII jiran. Mohammad Magid sudaan keessatti kan guddatan yoo ta’u Mohammad Aliin bara 1988 sudaaniin daw’atee akka ture ibsuun yaadannoon isaa yeroosii waaniin itti gammaduu ta’ee na keessatti hafe jedhau .Kanneen Sudaan keessatti guddataniif Aliin ija akkasiin ilaalamaa ture jedhu Mohammad Magid.

Logii gosaa fi amantii irratti qabsoon gaggeeffame kan ilaaleen musleemonni Amerikaa Mohammad Alii kan keenya jechuun yeroo dheeraa jaallatu. Hojii inni gaggeessee ittiin boonna, jajjabiina keenya ta’uun isaa itti fuufa jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG