Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaraak Obaamaan Hillarii Kiliinteniif Deggersa Kennan


President Barck Obaman Hillary Clintoniif kaleessa beekkannaa ennaa kennan akka jedhanitti prezidaantii ta’uun hagam ulfaataa akka ta’e nan beeka. Ministritiin dhimma alaa kan bulchiinsa isaanii fi giifti dureen duraanii hojii kana hojjechuu akka danda’an illee nan beeka jedhan.

Dhugumatti waajjira kana qabachuuf namni ishee caalaa ulaagaa guutu hin jiru. Gootummaa isaa fi Hamilee isaa qabdi. Onnee ittiin hojii kana hojjettus qabdi jedhan.

Obamaan sirnaan beekannaa kennuun kan dhaga’ame erga White House keessatti kan mormituu Clinton kan ta’anii fi deggertoota keessumaa daragaggoota miliyonaan laka’aman kan qaban sanders waliin erga sa’aatii tokkoof mari’atanii booda.

Sanders Wal ga’ii sana booda Clinton waliin wal arguuf kan jiran ta’uu dubbatan.

Yeroo dhiyootti Clinton waliin wal arguu dhaan Donald Trumpiiin injifachuuf attamiin waliin hojjechuun akka nu irra jiraatu irratti mar’iannee, mootummaa namoota dhibba irraa harka tokko qofaa utuu hin taane mara keenya bakka bu’u attamiin hundeessuu dandeenyu irratti hojjenna jeduan.

Clinton beekkannaa ijoo ka biroo kaleessa Senetora kutaa Massachuseets Elizabeth Warren biraa argatan. Warren dubartii senetora demokraatotaa kan Clintoniif deggersa hin kennine turan. Garuu kaleessa TV MSNBC jedhamuuf ibsa kennaniin deggersa isaanii beeksisan jedhan.

Qophaa’iin jira. Qabsoo sanatti seenee Hillary Clinton presidentii US itti aanu akka ta’an akkasumas Donald Trump karra White HOusitti akka hin siqne gochuuf tattaaffii gochuuf qophee dha jedhaniiru.

Obamaan yeroo jalqabaaf toraban dhuftu kutaa Wisconsin keessatti Clinton waliin duula filannoo geggeessuuf jiru. Obamaan ennaa prezidantummaaf dorgoman kutaa kana keessatti filannoo walii galaa lamaanuu injifatanii jiran. Sanders kibxata dhuftu duula filanoo Washington keessatti kan geggeessan ta’uu isaaniif hanga gumiin demokraatotaa Adoolessa keessaa ga’utti illee kan itti fufan ta’uu dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG