Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Ertraan Situ Waraana Jalqabee Jechuun Wal Himatan


Ministeera dhimmootii kominikeeshinii Geetaachoo Reddaa
Ministeera dhimmootii kominikeeshinii Geetaachoo Reddaa

Gara wal waraansa walii galaatti seenuuf Itiyoophiyaan karoora hin qabdu jechuu ministeerri waajiira dhimmoota komunikeeshinii Itiyophiyaa Getaachoo Raddaa ibsanii jiru. Kan duula waraanaa jalqabe Ertraa waan taateef waraanni Itiyoophiyaa deebii barbaachisuu eega kennee booda Wixata darbe walakeessa guyyaa kaaasee waraana keenya gamasii baafneerra jedhan.Tuttuqaan itti fuufnaan garuu deebii kennuun keenya itti fufa. Waan hundumtuu sochii Ertraa irratti hirkata jedhan.

Gama kaaniin Tokkummaa Mootummotaatti Ambaasaaddarri Ertraa Girmaa Asmaroom durii kaasee ni waraanna jechuun paarlaamaa fi sadarkaa mummicha ministeeraatti kan dubbataa ture Itiyoophiyaatu dduula waraanaa jalqabee malee Ertraa miti jedhan. Itiyoophiyaan rakkoo Oromoo, Qimaant, rakkoo dinagdee fi caama waliin wal qabatee sharafa alaa irratti rakkoo qabu dhoksuuf haleellaa kana bane jedhan. Gam lameenuu irraa yoo ta’e waan akkasiin namnii du’un hin qabu jedhan Ambaasaaddar Girmaa Asmaroom.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:52 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG