Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Fayyisaa Leellisaa yaaddoo garaa na bultetti cabsee ba'ee, ummata kiyya waliin dhaabachuuf mormii agarsiiise jedhe


'Yaaddoo garaa na bultetti cabsee ba'e'
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:02 0:00

Fayyisaa Leellisaa gurbaa ganna 26 ti. Shawaa Dhiyaa magaalaa Jalduutti dhalate.Eegii sunii asii medalaiyaa hedduu tuulate.Qaxxaamura biyyaa, metrii 10,000 fi maratooniilleen himuma dorgoma.

Marro marroo hedduu Itoophiyaa fulaa bu’ee biyya keessaa fi biyya alaalleetti dorgome.

Baranuma qofa Olompikii dhufe.Olompikii baranaa atileeota11,500 tahanitti biyyaa fi naannoo akka akkaatii itti dhufe.

Bitaa gama mirgaa; atileetii Fayyisaa Leellisaa,Eliud Kipchoge,Galen Rupp
Bitaa gama mirgaa; atileetii Fayyisaa Leellisaa,Eliud Kipchoge,Galen Rupp

​Olommpikii dhufuun atileetii tokkoof gammachuu guddoo.

Fayyisaan ammoo gammachuutti gaddaatti narraa jijjiiramee jedha. Yoo dorgommii Maratoonii irratti lammeessoo bahellee waan isa gaddisiise akkana jedhee VOA Afaan Oromootti Riyoo irraa bilbilaan hime.

“Moohachuun haa hafuutii hirmaachuunuu waan guddaa turee. Ani ammoo qabxi kana fide…gammachuu maalti jiraa gaa gaddatti na jalaa jijjiiramee. Hiriyoonn ko kaan mana hidhaa kaan du’an guutanii.Gammachuu adoo hin tahin gaddatti na jalaa jijjiirame.”

Fayyisaan yoo fiigu ummata mirgaa bitaa jiru isaaf harka dhaanuu fi TV daawwatu mirgaa bitaatti gara galee mallatto mormii Oromo harka walqaxxaamursee agarsiisaa ture.

Atieeti Feyisaa Leelisaa,Rio Biraazil 2016
Atieeti Feyisaa Leelisaa,Rio Biraazil 2016

​“Mallattoon sun diddaadha.Kunoo akkuma Oromiyaa keessatti namii baayyeen godhu sun.Oromo protest anis Oromoo waan taheef isaan wajjiidhaan dhaabachuuf hamma ani dandahe,karaa dandaheen mormii agarsiisuudha kaayoon kiyya.”

Mallattoo mormii sun akkuma dirree seenee dorgommiin jalqabuuf qophi jiru agarsiisullee kaameraan na hin argine fakkaataa jedha Fayyisaan.

Ta addunyaan akka dansaa argiteef ammoo ta yoo innii dorgommii fixeeti a mataa dubbii addunyaa tgaateefilleen sun.

Atileetii Fayyisaa Leellisaa
Atileetii Fayyisaa Leellisaa

Atileeti Fayyisaan biyyatti deebi’uuf waan sadii sodaata.

“Jarii saree maraattuudha na ajjesuu dandahuu,na hidhuu danda’u.Sadaffaa ammoo akka ani biyya alaa hin baane na gachuu dandahu.”

Akka Fayyisaan jedhutti dubbiin tun duruu garaa keessa isa jirti mmoo keessaa baafatte.“Haala isaa dirqamneet-- baqqaa waan tokko yo keessaa dhohee hin dhoohaa.”

Seerii Koree Olompikii Addunyaa(International Olympic Committee) akka atileetotii dirree dorgommii irratti mallattoo siyaasaa,mallatto jibbaa fi waan akkaa jibba siyaasaa hin agarsiifne dhowwa dorgommii addunyaa irraa dhaabsisa.

Atileetii Fayyisaa Leellisaa(jidduu)
Atileetii Fayyisaa Leellisaa(jidduu)

​Fayyisaan ammoo tun siyaasaa miti.Ani siyaasaa ykn hangoo qabachuufii mitii jedha. Dhumaatii ummaa biyya keessaa agarsiise, “ummannii ammoo dhumaa jira kanan calaqqisiifadhee malee siyaasaa miti,” jedha.Tanaaf biyyatti deebihuu sodaadhaa jedha Fayyisaan.

Akka itti aanaan dura taa’aa paartii KFO obboo Mulaatuu Gammachuu jedhutti Fayyisaan dhuguma baana.

“Ee sodaan isaa mirkana maan jennaan nuuyyuu arguutti jira.Obboo Beqqelee Garbaa fi itti gaafatamtoota biraalleen tanumaaf hidhan.”

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti ammoo dubbiin akka Fayyisaan jedhee miti.Obboo Mohaammad Sayid itti gaafatamaa waajjira koominikeeshiinii mootummaa Itoophiyaati.

“Atileetiin kun nama Itoophiyaa waltajjii sun irratti gootummaan yaamsise. Akka fedheen yaada isaa karaa fedheen himachuu dandaha.Biyyitii biyya nagaa fi seeraan bultu.”

Ministerii koominikeeshiinii Itoophiyaa Geetaachoo Reddaalleen ergaa Twitter irratti ergeen Fayyisaan baga gammaddee jedhee yoo biyyatti deebihellee akka gootaa simannaa jedhee dubbate.

XS
SM
MD
LG