Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.,Kuubaa dhiyoo du’een kaan ‘badaa harkaa dhiigaa’ jedha kaan ammoo ‘tokkicha dhibbaan hin jijjiirre’ jedha.Isan eennu jettaniin?


FILE - In this Oct. 12, 1979, file photo, Cuban President Fidel Castro points during his lengthy speech before the U.N. General Assembly, in New York.
FILE - In this Oct. 12, 1979, file photo, Cuban President Fidel Castro points during his lengthy speech before the U.N. General Assembly, in New York.
  • Fiidel Kaastiroo ganna 50 Kuubaa bulchee dadhabee jennaan hujii sun obboleessaa isaa amma ganna 80 kenne
  • Marroo 638 ijjeesuuf itti malatanii dadhaban
  • Kaastiroon nama qaraa ka biyyoota gama Dhiyaa keessatti bulchiinsa Kooministii jalqabsiise ka qaraati
  • Daaraa reeffa isaa ka gubanii magaalaa Havaanaatii fuudhanii karaa km 1,126 geessan lafa durii isaa fi waraanii isaa gaafa mootummaa Kuubaa durii gara galchan irra dhufe irra geessanii deemaa dhufan gula geessanii awwaalan
  • Ganna 90ti Jimaata dabre du’e
  • Du’a Fiidel Kaastirootiif Kuubaan gadda guyyaa sagalii labstote
  • Dootii isaa tokkoo gammachuu tokkoo gadda.
  • Cuba si! Castro no!

Kuubaa, biyya diqqoo gabra jidduu qubattu nama miliyoona 11 caalaa qabdu tana keessa jriaataa.Biyya Alaabaan gadi siissanii fannisanii, manneen nyaataa dhugaati ka farsoollee cufanii guyyaa 9 sagaliif boohuutti jiran.

mirga gama bitaa Joon Pool fi Fiidel Kaastiroo 1998,Kuubaa
mirga gama bitaa Joon Pool fi Fiidel Kaastiroo 1998,Kuubaa

Pirezidaantii isii ka gadaa abbaa shanii caalaa biyya sun bulchaa bahee, Jimaata dabre lubbuu dhabe,Fidel Alejandro Castro Ruz, guyyaa dheengaddaa ganna 90ti lubbuu dhabee huji tana obbolessa isaa innii pirezidaantii tolchee bara 2008 filate Raahul Kaastrootti labse.

“Hariyoota teenna Amerikaa haga addunyaa jirtan.Guddaan qabso ummata Kuubaa,Fidel Kastro Ruz ya du’e.Reeffa isaa akkuma aadaa teennaatti gaafa innii du’ee boriyyaan barraaqaan guban.Ammallee akkuma durii moona!”

Du’a isaa tana warri bulchiinsa isaa baqatee fi bulchiinsa isaa faarsu afaan akka akkaatiin hima.Cuba si! Castro no!Warrii durii innii biyya baqachiise kuma hedduun akkuma du’a isaa dhagaheen Amerikaa karaa magaalaa Mayaamiitti baafate baga hamaan harka sibiilaa nurraa du’e jedha.

Warrii isa jaalatu ammoo abbaa qabsoo ummata Kuubaatti lubbuu dhabee jedhee jabeennaan faarsa.

Nama Kuubaatti akkana jaba isaanii ka du'e laaluuf hiriira gala.Sadaasaa 28 2016,Kuubaa Havaanaa
Nama Kuubaatti akkana jaba isaanii ka du'e laaluuf hiriira gala.Sadaasaa 28 2016,Kuubaa Havaanaa

​Akka bulchootii jedhanitti basastota Amerikaa CIA dabalee hedduutti ijjeesuuf itti gamee dadhabe.Marroo 638 waan inni dhugu keessa, sigaaraa innii xuuxu keessa, haroo bisaan innii daakatuu keessaa hadhaa ykn kemikaala naqanii ijjeesuuf itti gamanii dadhaban.

Amerikaalleen mootummaan Kuubaa ilmaan namaa taphatee jireenna irraa hammeesse jettee biyya sun kophaatti qabdee ganna 50 caalaa addunyaan wal hanqiftee,wa irraa bituu fi itti guguruu dhoortee akka mootummaan isaa addunyaa keessaa qoodaa hin qabaanne tolchaa baate.

Kuubaan haga Kuubaa taatee beekmatee bulchiinsumaa fi paartii tokkoon bulti. Maatiin biyya bulchan.Warshaa fi daldalaa fi wantii hedduulleen ka mootummaati. Bulchiinsa Koominiyusti keessa jirti ammallee.

Hawaas ummata Kuubaa Amerikaa Mayaamii jirutti "hamaan harka dhiigaa nurraa du'e" jedhee gammachuun akkana taha.Sadaasaa, 26, 2016.
Hawaas ummata Kuubaa Amerikaa Mayaamii jirutti "hamaan harka dhiigaa nurraa du'e" jedhee gammachuun akkana taha.Sadaasaa, 26, 2016.

Akkuma taateefuu bulchiinsii pireszdaanti Obaamaa bara 2015 “waan dabre bira walii dabarre” jedhee mootummaa Kuubaatii fi ka Amerikaa walti fidee.Obaamaan bulchoota Amerikaa ganna 50 keessatti Kuubaatti imaltuu dhaqe ka qaraati.Akkana jedhe Obaamaan gaafa Kuubaa dhaqe.

“Harcaa dubbii poropogaandaa afaaniin wal hadhanii awwaaluuf asi dhufe.Harka Hariyummaa ummataa Kuubaatii diriirafacuuf dhufe.”

Bulchiinsii Amerikaa haaraahii dhufuutti jiru, ka Doonald Tiraampi ammoo Hariyummaa Amerikaa fi Kuubaan waliin qabu jijjiiruu fa dandadah.Tiraampi gaafa pirezidaantii tahuuf dorgomuuyyuu Kuubaan waan irraa eegamaa guutuu baannaan hariyummaa sun hin jijjiirraa,jedhe.

“Wantii nu isaan irraa feenu akka walabummaa amantii fi siyaasaan biyya sunii jijjjiiramtee namii siyaasaan hidhamelleen hiikamu.”

Amerikaa fi Kuubaan ammoo diqqaattullee waan hedduu waliin qaban.Bulchiinsii mootummaa Amerikaa haarahii,Doonaldi Tiraampi ammoo hariyummaa tana jijjiiruu dandaha.

Woma taateefuu Fiidel Kaastiroo bara 1959 keessaa mootummaa abbaa irraa Fulgencio Batista gara galchee ufii itti dabre.

Kuba Fidel Castro
Kuba Fidel Castro

Bara 1959 haga 1976 keessa muummee minsitera biyya isaa tahee hojjacha bahe. Eegee ammoo 1976 haga bara 2008, ganna 6n duratti pirezidaantii tahee hojjachaa bahe. Bara hujii ufii fixannaan obboleessa isaatti dabarse.

Waan Fiidel Kaastiroo du’eenilleen hin beekamne jaarrumaa fi hoorii duruu dhibdu ta waanilleen namatit hin himne taatu hin beekan.

Akka aadaa fi amantii isaatti reeffa isaa guyyaa dheengadda guban daaraa reeffa isaa ammoo karaa kuma 1,126 gula deemmaa karaa guyyaa sadii geessanii biyya isaa gama Bahaatti geessan.

Karaan kun ka isaa fi waraanii isaa bara mootummaa Batistaa moohatan sun irra deemaa teessaa mootummaa Kuubaa Havaanaa seena irra dhufan gaarren Sieraha Mhestiraa irratti bahanii simataa keessa dabara.

Daaraa reeffa isaa sun Muddee 4 guyyaan 6n duubatti biyya isaa gama Kibbaa Bahaa awwaala naannoo Santa Ifgeniya jedhan keessatti awwaalan.

Namii Kuubaa kuma hedduutti bulchiinsa mootummaa Fiidel Kaastoroo baqatee ala jira.Jarii kun dootii Fiidel egeree biyya isaaniitii gammacuu taati jedhee abdata.

Jose Sanchez warra bulchiinsa Kuubaa baqate Amerikaa jiru keesaa tokko.

“Bulchaan hamaan ganna 60 caalaa ummata Kuubaa harkatti deebifatee bulchaa bahe kaan ya nurraa du’e.Tanaafuu ummatii Kuubaa asii achi mirga isaa mi’eeffachaa jiraata.”

Afrikaan bulchiinsa Kaastirootiin maan jetti?

Akka itti aanaan Koomiashineerii komishiina Waldaa Afrikaa Erastus Mwencha jedhutti Fiidel Kaastiroo maqeeffatanii barreessan malee seenaa qajeelaa irra deebihanii barreessuun dhiba.

Kaastiroon,gaafa Afirkaa hariyaa dhabdee ykn hariyaa diqqoo qabdu Afirkaa hariyaa tahe jedha Erastuun.

“Akkuma atuu beettu Kuubaan gargaarsa isii doktoroota nuu erguun jalqbdee sun qofaa mitii dotktoraa Afrikaa Kuubaa keessatti leenjisuutti dabarte.Gaafa Eboolaan Afrikaatti baafate kaanillee adabii jalaa jirattee akka feete nama isii gara feete erguu baattulee biyyitii qaraa rakkoo tana itti himatan isii.Gaafa misoomaatii fi bilisummaallee Kuubaan hariyaa teenna.”

Mootummaan Itoophuyaalleen du’aa Kaastiroo tana irratti waan heddu jedhe.Muummeen ministera Itooopohiyaa Hayilee Maariyam Desaalenyi, Kaastiroon gaafa Itoophiyaan hariyaa barbaadetti hariyaa jabaa tahee nu waliin dhaabatee jedhe.

Pirezidaantiin Itoophiyaa Dr.Mulatuu Teshoomeelleen gaafa Itoophiyaa fi Soomaleen wal aate sunitti galata Kaasiroon Itoophiyaa tolche waan dedhanii miti jedha.

Namii hedduun Fiidel Kaastoroo,nama harka dhiigaa ummata isaa addunyaan wal hanqisee moggaatti baasee itti dukkaaneessee bira taa’ee kaan fixee,kaan biyyaa baase jedha. Kaan ammoo tokkicha dhibbaan hin jijjiirre,jabaa akka sibiilaa bulchaa dansaa jedhaan.

Isan eennu Fiidel Kaastoriitiin eennu jettan?

Warrii durii Kuubaa barate,ka biyya addunyaan wal hanqatte tana keessa jiraatee arge maan jedha?Mee waan quba qabdan nutti himaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG