Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii UEFA baranaaf biyya 16 walti hafe tapha EPL guyyaa lamaa irratti ammoo goolii 39ti gale


Champions League
Champions League

Chaampiyoon Liigii, dorgommii Waldaan Kubbaa miilaa Awurooppaa (UEFA) qopheessu.

Dorgommii baranaa ji’a torbaan duratti biyyitii 78 jalqabde haga ammaatti goolii 278 gale.Amma torbaan shaneesso keessa jiran. Arsenal fi Bayern Munich;Man City v Monaco; Leicester City fi Sevilla faatti walti.

Arsenal ganna dabre Bayer Munich 2-0 biyyaa fi biyyee isii irratti moote biyya Munich dhaxxee ammoo 5-1 itti fahanii galchan.

Badhaasa kubbaa Warqii(FIFA Ballon d'Or)

Ball D’or dorgommii kubbaa miilaa taphattootii addunyaa bebeekamoon irratti wal dorgomanii kubbaa warqii itti badhaafaman.Dorgommii tana FIFA-ti waldorgomsiisa.

Baranalee taphattoota hedduutti irratti dorgome.Baranallee Linool Meesii fi Kiristiyanoo Ronaaldootti haga guddaan wal worgomuutti jira.Meesiin qaraayyuu marroo shan badhaasa kana moohee Ronaaldoon ammoo marroo lama moohe.Tapahttootii hedduulleen keessuma jiran.Kana keesaa tokko taphataa kilabii Leister Cityti.

Badhaasa kana barruullee Faransaay tokkotti tapahttoota kubbaa miilaa addunyaa jajajboo jedhee wal dorgomsiisa.

Tapahtoota wal dorgomuutti jiran keessaa ka Leicester City Jamie Vardy, Riyad Mahrez faatilleen keessa jiran.Abbaa moohu dhiyoottu beekama. Dorgommii tana gaazexeessitota ispoortii addunyaa 173 tahanitti wal dorgomsiisa.

Waldorgommii kubbaa miilaa humna waraana Lafaaifi galaana Amerikaa

Guyyaa dheenagddaa humna waraana Amerikaa gugurdaa lamatti kubbaa miilaa waliin taphate.

Waraanii Lafaa Amerikaa goolii 21 galfatee waranaa galaana Amerikaa goolii 17 moo’e.Dorgommii tana eegii wal dorgommiin ispoortii koolleejjii fi yuniversitii Amerikaa dhumatteen duubatti yo hedduu Muddee torbaan jalqabaa keessa wal dorgoman.

Humnitii waraana Amerikaa U.S.ARMY waan ganna 14 argatee hin beenne humna waraana galaana Amerikaa U.S.NAVY 21-17 moohee seenaa hojjate.

Dorgommii kubbaa miilaa kilaboota Ingiliiz(EPL)

Dorgommi kilaboota kubbaa miilaa EPL eegi jalqabanii torbaan 13essOo keessa jiranii kalee fi guyyaa dheengadda qofa goolii 36 gale.

Akkuma kanaan Leicester Cityn Manchester City 4-2 irraa galchite.Swansea City Sunderland 3-0 moote gangalfatte. Aresenal Hull City fi Crystal Cityn ammoo 3-3 gargar galan.Guyyaa lama keessatti goolii 39 galchan.

Atileeti Fayyisaa Leellisaa ya dorgommiitti deebihe

Honololuu magaalaa godina Hawaahii keessaa tokko.Maratoonii km 43 kalee,sanbata guddaa name kurnya hedduu irratti wal dorgome dhiiraa fi dhalaalleen Keenyaatti moo’e.

Dhiiraan Lawrence Cheroot 2:9:39.Dhalaan atileetii Keenyaa beekamtuu Brigid Kosgei 2:31:11.Atileetii Amerikaa amma Singapporii dorgomtu Lindsey Scherf itti aanee lammeessoo.

Itoophiyaa keessaa Deribe Roba Olompikii baranaa irratti madaaliaa meeti argatetti sadeessoo tahee.

Atileeti Fayyisaa Leellisaa jiha hedduun duubatti dorgommiitti deebhe ammoo afreesso bahe.Hawaaiin godina Amerikaa keessaa 50n keessaa tokko. Hawaahiin dorgommii akkanaa 44 qopheessite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG