Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan taphachuutti jirti tapha guyyaa sadiitti goolii 10 gale


Afrikaan tapachuutti jirti tapha guyyaa sadii irratti goolii 10 gale
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:51 0:00

Afrikaan tapachuutti jirti tapha guyyaa sadii irratti goolii 10 gale

Gaabon,biyyitii Afrikaa gama Jidduu jirtu.Dorgommii AFCON 2017 qopheessite.Dorgommii tana eegii jalabanii amma guyyaa sadeesso keessa jiranii haga ammaatti goolii 10 gale.

Hardha Ayvoorii Koostii fi Toogoon 0-0 gargara bahan.DRC fi Morookootti amma taphachuutti jira.

Afrikaan tapachuutti jirti tapha guyyaa sadii irratti goolii 10 gale
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:51 0:00

Gaabonii fi Giinibisawu 1-1, Burkiinaa Faasoo fi Kaameruun 1-1,Aljeeriyaa fi Zimbaabuween 2-2 gargar bahan.Sengaal Tuniziyaa 2-0 adabde.

Dorgommiin tun ta 31essooti biyya 16 tapachuutti jira.Ayvorii Koostiin amma Toogoon 0-0 gargar bahan kun ijoollee kilabii Awurooppaa keessa tapachatan hedduu guurrattee dhfutullee akka eeganitti taphattee hin moone.

Ayvori Kosti shaampiyoonaa bara 2015. Baranallee hin mooti jedhanii abdatanii taatullee akka amma jiru kanatti woma hedduutti irraa hafe. Ijoollee Awurooppaa keessa tapathaniif ka akka Serge Aurier, Eric Bailly, Franck Kessie,Wilfried Zaha, Wilfried Bony, Salomon Kalou fa qabdi.

Afrikaan tapachuutti jirti tapha guyyaa sadii irratti goolii 10 gale
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:07 0:00

Toogoon ammoo tapahtaa isii beekamaa Emmanuel Adebayor durii Arsenal, Manchester City, Tottenham Hotspur fi Crystal Palac fa taphate amma tama ufi jiraatu garuma yaamaniif deemee taphatu waan abdatti.

DRC fi Morookoon amma waliin tapachuutti jiran. Taphattootii Koongoo mootummaan horii duraan taphattoota tana badhaasuuf waadaa gale waan hin kenniniif Jimaata dabrellee leenjiillee didanii eegee itti deebihan.

Morookoon yoo akkam diqqaate biyya 4n dorgommii walti hafan tahuuf tapatti Coongoo ammoo gareen hamtuun walti marree jetti.

DRC nama 23 keessa ijoollee 18 kilabii biyya alaa keessaa yaammatte. Morookoon ammoo nama tokko malee tapahtoota 22nuu biyya alaatii yaammatte

Fayyisaa Leellisaa dorgommii Husten Teksas irratti lammeessoo bahe

Atileetii Fayyisaa Leellisaa
Atileetii Fayyisaa Leellisaa

Atileeti Fayyisaan eegii dorgomiitti deebihee torbaan lamaan dabran dorgomumatti jira.Dorgommii Honoluluu,Hawaahii irratti lammeesoo bahe.Fayyisaan akkuma gaafa Riyoo,Biraail ammallee yo moohee galu cufa mallattoo mormii Oromoo agarsiisa.

Ta Husten Teksaas irralleetti lammeesso bahe.Qilleensaa qabbanaahaa keessatti leenjifamee qabbanaahaa keessatti dorgomeef na rakksie malee silaa kana caala moohaa jedhe Fayyisaan.

Dorgommi Teksas innii lammeessoo tahe sun dhiiraa fi dhalaallen Keenyaati tokkeessoo tahee moohe.Dorgommiin tun km 23ti.

Tokkeessoon Leonard Korii atileeti keenyaati.Teweldee Gebruu atileetiin Itoophiyaa sadeessoo bahe.Fiqaaduu Tsaadiq atileetumaan Itoophiyaa ammoo afreessoo tahe.Demmellaash Indaalee shaneessoo bahe.

Dubralleen Keenyaatti tokkeessoo.Atileeti Vernonikaa Nyaaruhaai mooheef. Dheeraa Diidaa lammeessoo.Meerii Waseeraa atileetiin Keenyaatii sadeessoo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG