Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saddeetitti keessaa galee amma saddeetitti walti hafe,dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa ammallee ittuma jiran


Gurbaa Gaaboon,Pierre-Emerick tapha AFCON 2015 irratti goolii galchee gammadee mataan akkana cunqurroo bu'a
Gurbaa Gaaboon,Pierre-Emerick tapha AFCON 2015 irratti goolii galchee gammadee mataan akkana cunqurroo bu'a

Dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa, AFCON 2017 eegii jalqabanii amma guyyaa 12 keesaa jirani.Biyya 16 jalqabee amma saddeetitti walti hafe.Haga ammaatti marroo 24 tapahtanii goolii 52 gale.

Dorogmmii tanaaf biyyitii takkittiin Afrikaa gama Bahaa fulaa buutee dorgomte Ugaandaa qofa.Isiilleen amma ya moohamtee keessaa galte.

Dorgommii Waancaa kubbaa Miilaa Afrikaa tana 31essoo tanaaf Afrikaan ijoollee isii kilabii biyya alaatii qabdu yaammattee Gaabon keessatti taphachuutti jirti.

Masriin Gaanaa mootee garee isii “D” keessaa qabxii guddoo qabaattee tokkeessoo taatee dabarte.

Senegaal ammoo Zimbaabuwwee mootee dabarte, Gaanaan ufiifuu moohamtullee isiilleen Ugaandaa mootee biyya saddeettan walti hafan taatee akkana jechaa biyyitii 8 walti hafe,

Warrii walti hafe ammoo guyyaa lamaan duubatti taphatee afur walti hafa.

Ammajii 28

Burkiinaa Faasoo fi Tuniiziyaan

Senegaalii fi Kaameruun

Ammajii 29

DR Koongoo fi Gaanaa

Masrii fi Morookoo taphata

Dorommiin tun Gurrandhalaa 5,2017 dhumatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG