Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantiin Angoolaa Jose Eduardo dos Santos duruu ganna 38 biyya bulche filanno itti aantutti irratit hin dorgomu jedha


Jose Eduwardo Dos Antos kora paartii isaa, MPLA irratti dubbachuutti jira.Muddee 2,2016
Jose Eduwardo Dos Antos kora paartii isaa, MPLA irratti dubbachuutti jira.Muddee 2,2016

Dos Santos, pirezidaantota Afrikaa ganna hedduu biyya bulchan keessaa ka Ikuwatooriyaal Giinii,Tedor Obianigitti aanee lammeessoo.

Pirezidaantiin kun waraana Angoolaa dhaabsisee jedhanii faarsanillee biyya sun bara hedduu ufumatti qabaadhatee bulfachaa bahe.

Angoolaan Afrikaa gama Kibbaa jirtii,umamtii isii akka henna bara 2013 miliyoona 21.47.

Bara 1979 asitti isumatti biyya sun bulchuutti jiraa akka filannootti hin deebine ammoo kora paartii isaa ta biyya bulchituu irratti dubbate.

Dos Santoos jaarsa ganna 74.filannoon pirezidaantummaa Angoolaa ji’a torbaan duuba.

Angoolaan ammoo zayitii qabaachuun addunyaa irratti beekamti qabeenna kana isaa fi intala isaa,Izaabel Doz Antositti qabaadhate.

Akka gabaasa barullee Forbes baasetti Izaabellaan doolara biliyoona 3 miliyoona 200 qabdi.

Dubartiin Afrikaa dureettiin beekamte isi akka gabaas barulle Forbisitti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG