Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Afriikaa Kibbaa Biyyattiin ICC Keessaa Hin Baatu jedhe


Pirezdaantii Afrikaa Kibbaa Jakoob Zuuma
Pirezdaantii Afrikaa Kibbaa Jakoob Zuuma

Manni murtii Afriikaa kibbaa karoora mootummaan mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaa ICC keessaa ba’uuf qabu fudhatama dhabsiise.

Karoorri mana murtii the Hague keessa maadheffate keessaa ba’uu faallaa heera biyyaa ta’uu har’a beeksisee jira. Sababiin isaas paarlaamaan mana murtichaa keessaa ba’uuf iyyata utuu hin dhiyeessin nu mariisisne jedheera.

Afriikaan kibbaa ICC keessaa ba’uuf waggaa darbe kan karoofate kan falmisiisaa ta’e kan Yakka waranaan ICCn barbaadaman prezidaantiin Sudan Sudan Omar al-Bashir biyyattii erga daawwatanii booda.

Akka walii galtee ICCtti biyyoonni miseensa ta’an bakka mana murtichaa ta’uu dhaan ajaja hidhaa darbe hojii irra oolchuuf dirqamatu irra jira. Afriikaan kibbaa garuu al Bashiriin hidhuu diduu dhaan walii galteen sun seera walabummaa diplomaasummaa faallessa jette.

XS
SM
MD
LG