Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dawaa Nafa Namaa Dadamaqsu Hin Fudhanne:Moo Faaraah


Dawaa Nafa Namaa Dadamaqsu Hin Fudhanne:Moo Faaraah
Dawaa Nafa Namaa Dadamaqsu Hin Fudhanne:Moo Faaraah

Figiicha lafa dheeraatiin badhaasa meedaala Warqee kan argate Moo Faraah dawaa qaama namaa dadamaqsuu hin gargaaramne jechhuun beeksisee jira.

Kana ka dubbates Leenjisaan isaa lammii Amerikaa Faraah fi Atleetoota ka biroof waan nafa dadamaqsuu kennuun seera addunyaa cabsuu mala jedhamee erga dubbatamee booda.

Somaaliyaatti kan dhalatee Faraah dorgommii Olompikaa darba lama irratti fiigicha meetra kuma shanii fi Kuma kudhaniin biyya Briteeniif Meedaala warqee argamsiisee akka ture ni yaadatama.

Gaazexxaan Briteen Saandeey Taayims jedhamu imes gabaaseetti leenjisaan Faraah Albertoo Salazaar atleetootaaf waan qaama dadamaqasu kennan kan jedhu oduu iccitiin ba’ee jedhe gabaasee ture.

XS
SM
MD
LG