Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Tiraampi magaalota US baqatoota 'seera malee' Amerikaa dhufanii dahoo kennan irraa bajata ciruuf doorsisatti jira


Attorney General Jeff Sessions, right, accompanied by White House press secretary Sean Spicer, second from right, talks to the media during the daily press briefing at the White House in Washington, Monday, March 27, 2017.
Attorney General Jeff Sessions, right, accompanied by White House press secretary Sean Spicer, second from right, talks to the media during the daily press briefing at the White House in Washington, Monday, March 27, 2017.

Akka abbaan alangaa addaa Amerikaa,Jeff Sessions jedhutti magaalotii Amerikaa seera mootummaan baqatan tohatu kabajuu qaban.

Taatullee dhaabbileen mirga namaa hedduun seera malee Amerikaa dhufan jedhanii baqataa qabuun,maatii diiguun mirga namummaa isaanii dhiibuu fi seera addunyaallee ala.

Yoo ammaan tanaa kana Amerikaa keessatti nama hedduutti mirgii baqataa eegamuuf malee jedhee hiriira bahuufiitit jira.

Raafaa’el Anichaa bakka bu’aa paartii Demokiraati godina Teksas iraa dhufe

“Kun hawaasa keennaayyuu hin sodaachisa. Baqtaa fi warra lafaatuu hin sodaachisa. Waan nu hadhuutti jiran nutti fakkaatti. Maan jennaan pirezidaanti Amerikaa ka ammaa Donald Tiraampi warri Meksokoo dhufe warra wanjalaa fi warra dubartii buufatu jedhee maqaa nu balleess jedha namii.

Horiin bulchiinsii Tiraampi magaalot ahedduu irraa kutuuf doorsisuuniitti jiru doolara biliyoona hedduuti.

Magaalotii hedduun ammoo hajajaa fi yaada bulchiinsa mootummaa Amerikaa ka baqataan tohachuuf baase fudhachuu diduutti jiran.

Manneen amantii kiristaanaa, manneen barnootaa fi dhaabbileen hedduun baqattoota gargaaranii dahoo kennuuf waaduma galaniin gargaaruutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG