Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan dubartoota addunyaa hujii jajjabduu hojjatan 13 badhaafte


First lady Melania Trump presents the 2017 Secretary's of State's International Women of Courage (IWOC) Award to Major Aichatou Ousmane Issaka, from Niger, March 29, 2017, at the State Department in Washington.
First lady Melania Trump presents the 2017 Secretary's of State's International Women of Courage (IWOC) Award to Major Aichatou Ousmane Issaka, from Niger, March 29, 2017, at the State Department in Washington.

Sagantaa badhaasaan kennan kana Ministirii Haajaa Alaa Amerikaatti kenna.Bara 2007 jalqabanii kennuutti jirani maqaan sagantaa kanaa International Women of Courage (IWOC).Badhaasa kana haadha warraa pirezidaantii Amerikaa Melaaniyaa Tiraampitti kenne.

Dubartii badhaasa kennaniif tana keessaa tokko dubartii kiristaanaa biyya Siiriyaati.

Barana haawwanii fi ijoollee dubraa musliimaa fi Kiristaiyaanaa biyya keessa baqatan,qabsaahota mirga namaa ka akka haawwanii fi ijoolleen dubraa lola Iraaqii fi Yemen duraa bahan tolchanii karaa bananiif fa badhaasan.

Dhaabbilee mootummaa hin tahin ka haawwanii fi ijoollee dubraa dubrumaa isaaniitiin rakkatan gargaarani demokiraasii guddisan dubartii miseensa waraaaana damee Afrikaatti nagaa eeguu keessa jirtulleen warra badhaafame keessaa tokko.

Haatii warraa pirezidaantii Amerikaa Melaaniyaa Tiraampi tana irratti dubaratoota 13 hujii akkanaa hojjatan badhaafte.

“Hawaasa addunyaa waliin taatee USA ergaa qulqullitti eeyee qubuma qamnaa argumatti jira jettu erguu malte.Tanaafuu dubartoota hujii jajjabduu hojjatan warra ufi gargaaru hin dandeenne gargaarranii jijjiirama fidan jajjabeessuu malle.”

Warra dhufee badhaasa kana hin fudhatin keessaa tokko dubartii Vetnaamii mother Mushroom, aaddee abbaa marqoo jedhaniin.

Onkololeessa dabree jalqabani hidhaa jirti. Demokiraasii biyya isii guddisuuf hojjatti.Natalia Ponce de Leon marroo sadii asiidiin guban.Sunuma dandamatte.Iyyuma iyyitee akka warrii asiidiin nama gubu adabamu tolchite. Namii hujii akkasii hojjate ganna 50 hidhama.

Veronica Simogun dubartii biyya Papua New Giiniitti walqixummaa dhabiitii dubaratoota biyya ufiitii falmiti sunumaan badhaafamte.

"Walqixumma, haqa dubartii biyya tiyyaatiif qabsaaha.Yoo cufaa woma akkana arga.Rakkoo akkanaa hedduutti jira.”

Amerikaan eegii sagantaa dubaratoota hujii jabeennaan hojjatan badhaasuuf hujii jalqabde ganna 2007 jalqabee dubaratoota 100 biyya 60 badhaafte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG