Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mukii baala baase.Cheeriin daraare fooleen qilleensaa urgoofte.Nama miliyoona hedduutti Washington, DC daawwachuutti jira


Cherry blossom in Washington DC
Cherry blossom in Washington DC

Cheeriin Jappaanitti daraaraa biyyoolessaa (National Flower)ti.Biyya akka China, Korea, Awurooppaa,Saaybeeriyaa gama Dhiyaa, Indiyaa, Kanaadaa, Amerikaa fi Jappaan keesatti beekama.

Muka kakkana Bitootessa 27,1912 keessa bulchituun Tookiyoo, Yukio Ozaki bulchiinsa Waashington,DC bara sunii Ozaakii kennite.Kennaan tun hariyummaa biyya lamaanii jabeessite.

National Cherry Blossom Festival Parade
National Cherry Blossom Festival Parade

Eegii sunii asitti yoo Afraasaa (Spring) ka akkanaa kanatti kaan karaatti yaa’ee baandii waliin sirbaa,kaan afuuffaa afuufee qilleensa keessa gadi lakkisaa,kaan diidatti yaahee caama aduu qanqaamataa waan hedduu.

Daraaraa kun keessattuu Tidal Besinii fi paarkii Potomaak gama bahaati. Mukii gara yaadannoo pirezidaanti Linkolin jaaran Lincolin memorial, Soodduu Waashington Washington Monumenti fi fulaa hedduu.

Festivaaliin Cheerii daraaree fi qopheessan Cherry Festival ammoo Bitootessa 18-Ebla 17, 2017 taati.Qophii sirbaa fi bashannanaa hedduutti karaa irratti tolaan ummataa qopheessan.

Cherry Blossoms
Cherry Blossoms

​Akka bulchiinsii magaalaa Washington,DC jedhutti saatii akkanaa tanatti nama miliyoona sadii caalutti magaalaa tana daawwiif itti yaa’a.

Waashington,DC qofaa mitii Amerikaayyuu yoo Afraasaa ka akkanaa kana midhaaddi.

Mukii Cheerii barana ammoo akka silaa daraaruu male kaaniti hin daraarre.Yoo tokko tokko bokkaa,yoo tokko tokko ammoo dhaamochaatti daraaru isaa turse.Taatullee haga innii jiru kanatti daawwataniif foollee qilleensaa urgaa kanaa jedhee nama hedduutti qophii Cherry Blossoms Festival jedhanitti yaahuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG