Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Dhuka’aa Lafa Jalaa Somaaliyaa Keessaa Lbbuu Galaafate


Balaan Dhuka’aa Lafa Jalaa Somaaliyaa Keessaa Lbbuu Galaafate
Balaan Dhuka’aa Lafa Jalaa Somaaliyaa Keessaa Lbbuu Galaafate

Somaliyaa gama kibbaa keessatti konkolaataan dhuka’aa lafa jala awwaalame irra darbe haleelamuu dhaan namoonni 20 du’uu fi kan irraa hafe tokko immoo madaa’uu jiraattonni fi angawoonni naannoo beeksisaniiru.

Balaan kun kan dhaqqabe har’a waaree booda ganda Golweyn kan al-Shabab to’atee jiruu fi magaalaa Marka kan naannoo Shebellee gadii irraa bakka fageenya km 22 irratti argamutti ture.

Konkolaataan sun Golweyn irraa ka’ee deemaa kan ture imaltoota 21 fe’atee yoo ta’u shofeerri konkolaataa irraa hafuu isaa itti aanaan bulchaan Shebele gara gadii Ali Nuur Mohamed VOAf ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG