Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministerri Ittisaa Kan Amerikaa Afgaanistaan Daw’atan


Ministerri Ittisaa Kan Amerikaa Afgaanistaan Daw’atan
Ministerri Ittisaa Kan Amerikaa Afgaanistaan Daw’atan

Erga Taaleebaan maadhee waraana Afgaanistaan keessaa haleelee guyyaa hanga tokko booda aangawoonni waraanaa kan yunaaytid Isteetes Raashiyaatu lootee seentoota hidhachiisa oduu jedhu hin haalle.

Gargaarsii kun akka kennamu gabaasaaleen ibsan nu dhaqqabuu itti fufee jira jedhan humnootii addunyaa kanneen Afgaanistaan keessa jiraniif ajajaa ka ta’an Jeneraalli Amerikaa Joon Nikolson.

Ministriin ittisaa kan Yunaaytid Isteetes James Maatas daw’annaa hin labsamiin yeroo gaggeessanti Nikolson kaabuul keessatti ennaa ibsa kan kennan.Kunis Qaataar fi Jabutii erga daw’atan booda ta’u isaati. Raashiyaan iddoo hedduutti dorgommii tarsimoo qabeessa keessa galuu filatteettii kan jedhan Maatas kunis Afgahistaan keessatti illee kan mudate ta’u ibsan.

Raashiyaa waliin lafa danda’ameetti furmaata gama diplomaasii barbaanna. Ta’u baannaan garu faallaa seera addunyaa lafa hojjataniitti akkasumas abbaa biyyummaa biyyootaa lafa sarbanti dura dhaabanna jechuun maatas oduu gabaastootaaf ibsanii jiru..

XS
SM
MD
LG