Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lalistuu Toofiq waan diqqeenaan akaakuu isii irraa baratteen kitaaba barreessitee fiilmiillee hojjattee lafaa qabdi


Lalistuu Toofiq
Lalistuu Toofiq
Lalistuu Toofiq akaakuu isiitti jajjabeessee asiin gahe amma seenaa fi aadaa barreessiti
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:47 0:00

Lalistuun intala ganna 23ti.Yuniversitii Qonna Baakkootii digriin eebbifamte. Carraatti barumsa qonnaatti erge malee durii gaazexeessituu tahuu feete.

Diqqeennaanuu akaakuun isii wa barsiisaa bahe.

“Gaafa ani ganna shanii waan akkaakuun kiyya natti himu waraabbachaa bahe.Gannii kiyya sagal gahee jennaan wa barreesusu jalqabe.Akaakuun kiyya seenaa,eennummaa kiyya,aadaa tiyyaa fi waan hedduu na barsiise.Tanaan asi gahe”

Lalistuun onnee fi qalbii diqqeennaan horatteen amma kitaaba shanii fi fiilmii barreesitee lafaa qabdi.

Kitaaba isiin barreessite keessaa tokko “Imala Jireennaa.”

“Gaafa diqqoo ‘kitaaba akaakuu kiyyaa’ jedhee kaartoonii limmeen walti hodhee deemaan,” jetti Lalistuun.

Kitaabii kun hagii guddaan seenaa dhugaati kaan ammoo waan fakkeessanii miiraan barreessan.

Kitaabii Lalistuu hagii tokko waan jaarsa jabaa biyyaa Jaatanii Alii qaba. Waan innii biyyaaf bahee,akka innii durii akka namii baratu nama gorsaa bahee fi waan hedduu qaba.

Taatoon(character)kitaaba kana keessaa yoo akkam diqqaate nama 49ti.

Kana keessaa warrii guddoo mullatu:

  • Dr.Leemmanii Liiban
  • Seenaa Magarsaa
  • Dr.Deebanoo Diidaa
  • Siintolinnaa Bilisummaa
  • Gaazexeessaa Daraaraa Galgaloo
  • Yoom Tolaa

Jarii kun godina Oromiyaa gara garaa irraa walti dhufe.Seenaan kun eebba yuniverstii Haroo-Maayaa irraa kaha.Ijoollee eebifamtu keessaa tokko Dr. Leemmanii Liiban.

Isiin ijoollee Jaatanii Alii durii barsiise keessaa tokko.Gaafa eebbaa ka dhalaa fi hariyaan walti dhuftu isiin waan barachuuf taatee,nama durii akka isiin barattu tolchee isii jajjabeesse Jaatanii Alii ka amma lubbuun hin jirre qaabachaa ufiin dubbatti.

Lalistuun yoo hedduu aadaa fi seenaa barreessiti
Lalistuun yoo hedduu aadaa fi seenaa barreessiti

​Tanuma keessaa eebbaan duubatti intala hariyaa isii Siintolinnaa Bilisummaa waliin Dirree Dhawaatii kahanii Dirree Booranaatti dabran.

Karaa cufa yoo yaahan ijoollee reefuu maqaa dhoomen tana cufaan walti dabalamanii yaa’an.

Kitaaba kanaan maaniif Imala Jireennaa jetta jennaan.

“Ilmeen namaa gaafuma garaa haadhaa keessaa buutee jalqabee waan addunyaa tana dhufteef qabdi.Waan dhufteef sun guutuu malte.”

Jarii shanan Lalistuun kitaaba isii keessatti dabalte kun Oromiyaa godina cufa keessaa walti dhufe.

“Gumii bal’ootti waliin yaa’a jarii kun Dirree Dhawaa kahee tokkuma tokkoon wal argaa Walloo,Shawaa,Wallgaa, Arsii,Gujii, Boorana,Keenyaa fi haga Taanzaaniyaa yaa’a.”

Lalistuun yoo hedduu aadaa fi seenaa barreessiti
Lalistuun yoo hedduu aadaa fi seenaa barreessiti

​Akka jecha Lalistuutti ergaan kitbaa kanaa tokkummaa,jaalala saba ufii, aadaa fi seenaa,qabsoo-ceeraa fi fokkoo walii qaban, dinagee fi waan hedduu Oromoon waliin qabaachuu maltee fi qabdu agarsiisa.

Kitaaba shanan Lalsituu keessaa ka dhibiin waan namaa fi bineensii wal dubbatan.

“Tarrin bineensa Boorannii arge ka qaraati. Tarriin guddoo wal jaalatti.Gaafa tokkoo kormii tarrii niitiin isaa fayyaa dhabdee cirreessa itti barbaadee dadhabee jennaan hospitaala nama geesse.Achitti namaan wal dubbatanii fala rakkoo namaa wal dubbatan.”

Kitaabii dhibiin Osoo hin darbiniif dabarte—jedha.Kun haga guddaan rakko godina Oromoo afur ka jireennii akka male itti hammaate agarsiisa.

Kaan ammoo Seenaa akaakuu kiyyaa—kitaaba kana keessatti Lalistuun eennummaa akaakuu isii,amala fi waan innii isii barsiisaa bahee fi waan innii diqqeennaan isii gorsaa bahe barreessiteef.

“Kutaa shanii jalqabee waan akaakuun kiyya naan jedhu fi na barsiisu waraabaa bahe.”

Kitaabii Lalistuu shaneessoon—Gudisa ijoollee Booranaati.

“Abbaa warraa yoo alaa galu ‘ijoolleen gololfattee,sagalee nyaattee jedhee gaafatu malee dursee hin nyaatu.”

Kana keessatti Lalistuun maamula ijoollee tolchan,faaruu ijoollee fi waan ijoollee tolchan hedduu barreessite.

Lalistuun kitbaa qofaa mitii fiilmii (movie)hedduu barreessitee lafaa qabdi.

Hujii isii kutaa lammeessoo qophii teenna torbaan dhufu keessatti itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG