Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.Tiraampi Kooriyaa Kaabaa irratti mari'achuuf seneteroota Amerikaa cufa White House keessatti yaamee mariitti jiran


White House,waajjira bulchiinsa mootummaa Amerikaa.
White House,waajjira bulchiinsa mootummaa Amerikaa.

Pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi rakkoo Kooriyaan Kaabaa Amerikaa fi addunyaatti fiduutti jirtu jedhe irratti mari’achuuf seneteroota Amerikaa 100 nu hardha bulchiinsa mootummaa Amerikaatti yaame.

Bulchootii Amerikaa yoo rakkoo akkanaa irratti mri’atan gara Capitol Hill mana galma walgahii Amerikaa dhaqan.

Kooriyaan Kaabaa biyya ummatii isi miliyoona 26 dhiyaatu qabdu ta Eezhiyaa gama Bahaa jirtu.Biyya tana maatiin tokko walii dhaalaa bulchuutti jira.

Biyya waraana hamaa qabdu.Kanaan Amerikaallee dabalee biyya hedduu doorsiuutti jirti.

Doonii waraana Amerikaa marroo tokko dhoomne qilee buufna jettee marroo hedduu dhaadatti.

Yaaddoo tana irratti irratti mari’achuuf bulchiinsii Amerikaa seneteroota yaame.

Marii tana minissitera ittisa waraana Amerika Jim Mattis, minsitera haajaa alaa Amerikaa Rex Tillerson, daarektera basaasa Amerikaa Dan Coats fi itti gaafatamaa waraanaa Amerikaa General Joseph Dunford faatti seneteroota tanatti hima.

Pirezidaanti Tiraampi dhiyoo tana keessaa akkii mootummaan Kooriyaa Kaabaa itti deemuutti jiru doorisisii isaa waan itti callisuu malaanii mitii Tokkummaan Mootummaa biyya tana jabeessee adabuu baannaan wayitti hammaataa jedha.

Kooriyaan Kaabaa akkuma duruu gootu dhiyoo tanallee misaayila waraanaa tokkofte.

Misaayilii waraanaa mi’a waraanaa hamaa waan itti qajeelee sekondiitti daaraa tolchu ka addunyaalleen akka namuu hin hojjannee seeratte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG