Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mirgii gaazexeessitotaa ganna kurnyaa asitti gaduma deemaa dhufuutti jira:Freedom House


Freedom House
Freedom House
Gabaasa dhaaba mirga gaazexeessitotaaf falmu Freedom House gabaasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:54 0:00

Freedom House dhaaba akka gaazexeessitotii hujii isaanii hojjachuuf mirgii isaanii eegamuf falmuuf.Dhaaba kana Amerikaatti horiin gargaara.Baruma baranaa rakkollee gaazexeessitota irraa geettee hujii isaanii hojjachuu irrtti gabaasa baasa.

Dhaabii kun hardhallee akkuma baruma baraana baasu gabaasa baase. Jennifer Dunham Freedmom House keessatti daarktera olaantuu. Akka jecha isiitti biyyitii cuftii silaa mirga namaatii fi ka pireessii addunyaa eeguuf seera ittin bulan fudhatanii kabajaniin ittiin buluutti hin jiran.

Freedom House ardii cufa tokko tokkoon qoratee tamitti maan tolchuutti jiraa jedhee gabaasa baasa.Akkuma kanaan akka jecha Jenniferitti Afrikaan akka durii kaan akka malee duuba jirtii jechuu hin dandhan.

Akka ardiitti Eurosia,Afikaa gama Kaabaa fi Jidduu Gala Bahaa faatti mirga gazexeesitota akka malee gadi qabuun dura jira.

Afrikaa keessallee biyyootii ammallee rakkoon qaban hedduu, Ugaandaa fa.Gama Itoophiyaati ammoo

"Gaafa Afrikaa keessaa Itoophiyaan biyya haalii isiin keessa jirtu guddoo hammaate.Keesattu hiriira mormiitii fi labsii muddamsuutiin wal qabatee rakkoon jirtu dabalaa dhufte.”

Tana maleellee akka gabaasa Freedom House baasetti Itoophiyaatti akka gaazexessitotii ya’anii hujii hin hojjanne dhowwan.Fkn Hagayya dabrte keessaa akka gabaasa kanatti gazexeessitota dhaaba oduu Amerikaa PBS lamaa fi miilota isaanii sadii isaanii Shaashamannee fi naannoo sunii lafa bonii itti hammaate dhaqani oduu dabarsaa bahan qabanii Finneetti raranii akka achii hin baane tolchan jedha

Gaazexeessitota waan hiriira mormii gabaasanillee haaloo itti bahuutti jiran jedha Freedom House.

Afrikaan gamii Dhiyaa akka jecha Jenniferiitti amma akka durii kaan waraana keessa hin jirtuu garuma wayyaahaa deemuutti jirti gama mirga namaa eeguutiin.

Biyyooti hedduun yoo filannoon geettuu dhiba fidan.Fkn paartileen dorgoman cuftii mirga walqixxee media jiru irratti waan jiruu ummatatti himachuu dhabuun rakkoolee jirtu keessaa tokko.

Fkn waan dhiyoo mumullachuutti jiraa keessaa akka jecha daarktera Olaantuu Freedom Houseitti bulchootaa fi deggartotii isaanii gaazexeessitotatti dheekkamuu arrabsuu fi miidhuu faatti keessa jira.

Biyyootii mirgii gaazexeessitota keessatti “bilisa” jedhan ka akka Brazil, Czech Republic, Denmark, France, Hungary, Poland, Serbia, Afrikaa Kibbaa,Kooriyaa Kibbaa, Spain, Tunisia, fi USA faati warra mirga gaazexeessitotaa gadi qaban keessaa tokko.

Dheekkamsii akka pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi amma ittiin deemu kun bulchooa abbootii irraa jajjabeessee hujii gaazexeessitotaa miidhuu dandahaa jetti Jennifer

Bulchootii abbootii irree mirga pireessii irratti Amerikaa silaa akka fkn dansaatti laalan amma ammoo ohoo eeyee eegii Amerikaanuu akkas tolchite nulleen tolchuu dandeenna jechuu dandahan.Hidhuu,waan feenu tolchuu tanaafuu namii nu gaafatu hin jiruu.

Freedom House akka biyyitii cufitii akkuma itti amantee mirga namaa eeguuf waadaa galteen mirga ummataa eegdee hujii gaazexeessitotaallee kabajju gafattte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG