Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez. Amerikaa Donaldi Tiraampii fi ka Paalistaayin Mohaammad Abbaa White House keessatti walti dhufanii wal mari’atan


Pirez.Tiraampii fi Pirez.Abbaasitti White House keessatti kora irra bahee akkana harka wal fuudha. Caamsaa 3, 2017, Washington.
Pirez.Tiraampii fi Pirez.Abbaasitti White House keessatti kora irra bahee akkana harka wal fuudha. Caamsaa 3, 2017, Washington.

Jarii kun takkumaa akkanaa walti dhufee hin beekuu.Marii hardhaatti jarii kun rakkoo Paaletaayinii fi Israaheliif fala jabaa argachuuf waan hedduun wal abdate.

Akka Tiraampi jedhutti wannii rakkoo Israahelii fi Paalestaayiniif falii hin argamneef guman tokkolleen hin jirtu.

Abbaasilleen bulchiinsa Tiraampi keessatti rakkoo Israahelii fi Paalestaayin bara kurnya hedduuf fala dhabde barana fala argachuu dadneetti jedhee abdata.

Pirezidaanti Abbaas Israahel lafa Paalestaayin fudhattee keessa teettu keessaa bahuu malte jedha.

Israahelii fi Paalestaayin biyya ollaa akka biyyaatti wal hin yaamne haguma wal arganiiyyuu daarii lafaa irratti wal dhaban.

Bulchootii Amerikaalleen baruma baraan waan rakkoo biyya tana lamaanii faluuf karaa maran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG