Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo pirezidaantummaa Faransaay nama lamatti walti hafee Pirez. Obaamaan Imaanuheel Maarkoon deeggare


Jarii lamaan asi aanu bitaa gara mirgaa Marnine ka gama mirgaa ammoo Immanuel
Jarii lamaan asi aanu bitaa gara mirgaa Marnine ka gama mirgaa ammoo Immanuel

Faransaay pirezidaantii filachuutti jirtii nama lamatti walti hafee warri lamaan kunillee Caamsaa 7 irratti abbaa mootummaan galatu keessaa beekan. Dorgommii tana nama 11 jalqabe lamatti walti hafe.

Warii lamaan amma walti walti hafe dhiiraa fi nadheen.Imaanuheel Maarkoon fi Marinee Le Pen.

Imaanuheel nama 39. Marine Le Pen nama ganna 48.Filannoo Ebla 23 irratti jarii lachuu nama isaan deeggaru walti qixxeetti dhiyaatu argatee jennaan filannoo tana irra deebihan.

Pirezidaantiin Amerika ka durii Baraak Obaamaa ammoo Immanule Maarkoo deeggara.Pirezidaantiin Amerikaa ka ammaa Doonaldi Tiraampi ammoo Marine Le Pen deeggara.

Akka Obaaman erga viidyioo Twwiter Emaanule irratti jedhetti filannoon pirezidaantummaa Faransaay tun waan deeggaru malan.

Pre.Obaamaa kora jijjiirama qilleensa addunyaa (COP21) bara 2015 magaalaa Le Bourget, Paaris Faransaayitti dhiyaattu irratti dubbachuutti jira
Pre.Obaamaa kora jijjiirama qilleensa addunyaa (COP21) bara 2015 magaalaa Le Bourget, Paaris Faransaayitti dhiyaattu irratti dubbachuutti jira

​Akkana jedha Obaamaa “Emaanule nama yaada qajeelaa qabu,dhugaa dhaabatu,akka Faransaay Awurooppaa keessatti qooda guddaa qabaattu fedhu ummata Faransaayillee egeree dansaatti geessu.”

Itti aansee ammoo Obaamaan “En Maarchee Vive La France”jedhee afaan farasaayiitiin wa jedhe.

Imaanuhle paartii En Marche keessaa filatamee Marine Le Pen ammoo paartii National Front keessaa oli baate.

Faransaay keessatti Obaamaa guddoo jaalatan.

Jarii lamaan walti hafe akkii jarii siyaasaa addunyaallee itti laalu guddoo gargar fagaata.

Imaanuheel yaadii siyaasaa isaa jidduu galeessa filannoo Ebla 23 irratti % 23.75 argate Mariin ammo % 21.53 argatte.

Filannoon tun seenaa qabeettii maan jennaan siyaasaa biyya tana ganna kunrya hedduuttiipaartii Sooshalisti fi Rippaabilikaansitti bulchaa bahe.

Marine eennu maan feeti?

Marnie bara 2011 keesaa bulchiina paartii FN abbaa isii irraa fuute, ganna ganna itti aanutti pirezidaantummaa dorgomtee sadeessoo taate.Filannoo bulchiinsa naannoo ta bara 2015 irratti akka paartii isii nama hedduu bulchiinsa keessaa qabaattu tolchite.

Isiin oguma seeraa qabdi.Bara 2004 keessa paarlaamaa Awurooppaa keessatti filatan achi keessaa Faransaay Kaaba Dhiyaa fulaa buutee miseensa paarlaamaa taatee hojjatte.

Marroo lama dhiirsaan garagaa baatee haadha ijoollee sadiitii Paaris gama dhiyaa jiraatti.

Waan isiin yoo filatamte hojjachuuf karoorfatte keessaa:

  • Euroo dhiifee maallqa biyay isii Firankiitti deebisuu feeti-biyya isii waldaa Awurooppaa keessaa baasuu feeti achii ammoo murtii ummataa itti gaafatti
  • Warra seera malee biyya isiitti baqate jedhan biyya baasuu feeti ganna tokkotti nama 10,000 achii baasuuf karoora qabdi
  • Masjida yaada warra biyya nagaa dhowwuu qaban jedhan cufsiichee akka manneen sun ummataa qoodi
  • Ganna itti gammoojjummaa bahan ganan 60 tolchitee akka namii torbaanitti saatii 35 hojjatu tolchite
  • Mi’a biyya alaati Faransaay fidan qaraxa harka 35 irra kaahuu feeti

Imaanuheel Maarkoo ammoo nama ganna 39 nama pirezidaantii biyya sunii tahuuf dorgomu cufa keessaa isatti gannaan nama diqqaa

Takkuma miseensa mana mariillee hin taane takkumallee biiroo siyaasaalleef hin dorgomen taatullee adoo namii hin beekin takkumaan oli cehee mataa baafate.

Ogeesaa baruma baankii qabuu durii pirezidaantii Faransaay firaankoo Holaandee gama dinagdeetiin gorsaa bahe.Bara 2014 ammoo minsitea maallaqaa tahee filatame.

Sochiin duula filannoo isaa “En Maches.”Niitiin isaa barsiiftu isaa ta ganna 20 isa caaltu,Brigitte Trogneux ijoollee akkoo torb qabdi.

Waan yoo filatame tolchuu fedhu keessaa:

  • Hanqina bajata mootummaa diqqeessuuf hujii ummaaa 120,00o diqqeessa.
  • Gibira dhaabbilee daldalaa harka 33 irraa harka 25 deebisee akka namii torbaanitti saatii 35 qofa hojjatu yaada dhiyeessa
  • Akka barsiisota hedduu manneen carraa barnootaa hin argatin hedduutti ergan tolchaa.
  • Akka manneen barnootaa ijoolleen ganna 15 gadii keessa baratanitti namii bilbila harkaa hin fayyadamne hajaja
  • Akka biyyitii isaa Waldaa Awurooppaa jabeessitu fedha

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG