Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diyaagoo Maradoonaa manajera kilabii Al Fujaariya tolchanii filan gurbaa sanyii Afrikaa Chelsii taphatu, N'Golo-n ammoo badhaasa FWA argate


Dorgommii FIFA 2010 Arjentiinaa fi Kooriyaa Kibbaa
Dorgommii FIFA 2010 Arjentiinaa fi Kooriyaa Kibbaa

Arjentiinaa biyya taphattoota kubbaa miila ahedduu horte.Diyaagoo Armaando Maradoonaa, Di Maariyaa,Aguheeroo,Liyonel Meesii fi nama hedduutti achii bahe.

Diyaagoo Maradoonaa ka amma ganna 56 kun bara 1976 haga 1994 ganna 18 keessatti goolii 259 kilabii keessa taphatee galche.

Soccer WCup On This Day
Soccer WCup On This Day

​Dorgommii waancaa kubbaa miilaa bara 1986 biyyitii isaa Arjentiinaan maqaa isaatiin waancaa addunyaa moote.

Namii kun ammallee kilaabii biyya UAE AL-Fajaariyaa leenjisuuf qaxaran.Ganna shanin duratti ammoo kilabuma biyya UAE- Al- Masal keessaa gussan

Al Fajariyaan kilabii UAE jajjaboo keessaa lammeessoo.

“kunoo ani leenjisaa kubbaa miilaa Al-Fajariyaatii qubaa naa qabaadhaa,” jedhee FB ufi irratti barreefamte Maradoonaan.

Maradoonaan bara 2008-2010 ammoo manaajera kubbaa miilaa biyya isaa tahee hojjate. Maradoonaan abbaa ijoollee shaniitii.

N’Golo Kante beettuu?

N'Golo Kane lakkoofa 7 keeyyatee bitaa jiru kana.Kilabi isaa Chelsea fi Manchester United taphachuutit jira.
N'Golo Kane lakkoofa 7 keeyyatee bitaa jiru kana.Kilabi isaa Chelsea fi Manchester United taphachuutit jira.

Gurbaan ganna 26 kun gama bitaatiin lakkoofsa 7 keeyyatee taphatu kun Faransaayitti haa hadhalatu malee warrii isaa Maalii, Afrikaa dhufe.Kilabii Chelsii fi kialbii biyyoolessaa Faransaayii jidudu taphata.

Barana badhaasa FWA,Football Writers Association jedhan badhaafame. FWA,Waldaa gaazexeessitota gabaastota ispoortii afaan Ingiliiziin hojjatanitti taphataa jajjabaa jedhan itti dhugeeffatan badhaasa.

Namii Kaanteetti aanee badhaafame taphta Beljiyeem Eden Hazardi. Hazaardi dhalootaan Beljiyeemii kialbii Chelsiitii fi biyya isaatiif taphata.Namii sadeessoo ammoo gurba UK,Dele Ali ka amma kilabi Tottenhaaamii taphatu.

Kilabii Leser City bara 2016 maqaa Kaanteen shaampiyoonaa EPL taate.

Kilabiin innii lakkoofsa 7 keeyyatee jidduu taphatuuf,Chelsii barana tapha gugurdaa 4tti hafeef ammallee qabxiin sadarkaa EPL tokkeessoo jirti.

Pirezidaantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa[CAF) Ahmad waldaa isaa ya mindaa fudhachuu dide.

Ahmad Bitootessa dabre keessa Iisaa Ayaatuu moohee pirezidaantii CAF (Confederation of Africa Cup) tahe.Baruma hujii jalqabe sunitti waldaa kana waan hedduun jijjiiraa jedhee waadaa gale.

“Mindaan CAF irraa argatan ulfinna namaa hin qabu,” jedha.Akka innii jedhutti mindaan namii waldaa kana keessa hojjatu bulchoota haga pirezidaantii jiranii diidessanii beekuu malan.

Federeshiiniin waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ka Waldaan kubbaa miilaa Afrikaalleen keessa jiru guyyaa shaniin duubatti kora guddaa taa’a.

Waldaan kubbaa miilaa addunyaa waldaa horiin ummataa miliyoonii hedduu boollatti dhahe jedhanii yoma hedduu himatan.Ka Ahmed ammatti diidessanii beekuu baatanillee mindaan pirezidaantiin FIFA Sepp Bilaater bara 2015 argate Euro miliyoona 2 fi kuma 600ti.Euroon doolarii Amerikaatuu hin caalti.

Ahmed nama biyya Maadagaskaariiti durii bulchaa waldaa kubbaa miilaa biyya isaa tahee hojjachaa bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG