Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii mirga namaatii falmu Amensty International mirga qabsaahota ilmaan namaatiif falmuuf "gootummaan" qabsootti jira


Amnesty International USA
Amnesty International USA

Dhaabii mirga ilmaan namaa addunyaatiif falmu Amnesty International dhaaba mirga namaatiif falmuu ganna 55 duratti Londonitti yayyabame.

Amma miseensa miliyoona 7 qabaa jedha.Damee waajjira isaa Waashington DC keessaallee hin qaba.

Akka dhaabii kun jedhetti qabsaahoti mirga ilmaan namaatiif qabsaahan ufiifuu rakko gugurdoo keessa jiran.

Akka gabaasa damee Amnesty International ka tahe Front Line Defenders jedhutti bara 2016 keessa qabsaahota mirga namaa 281 ijjeesanii suniin duratti ammoo bara 2015 keessa nama 156 fixan.

Rakkoo qabsaahota mirga namaa kan addunyaatti fidan hammaachaa dhufuutti jirti.

Dhaabii kun duula Twitter irratti jalqabeen akka bulchootii addunyaa seeruma Tokkummaan Mootummootaa baase isaanilleen fudhachuuf mallatteessanii mirga ilmaan namaa kabajaniif amansiisuuf hujiitti jirra jiraa jedha.

Akkuma kanaan duula Twtitte rirratti jalqaban kanaan itti jiran:#Brave Campaign, #Amnesty Warns Attacks On #Human #Rights Activists.

Dhaabii mirga namaatiif falmu,Amnesty Intenational qabsoo 'gootummaatti" jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:33 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG