Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez., Amerikaa,Doonaldi Tiraampii fi bulchiinsa mootummaa isaa seera malee hojjate jedhanii waan hedduun himachuutti jiran


Congress Trump Russia
Congress Trump Russia

Doonaldi Tiraampi,jaarsa ganna 70, pirezidaantii Amerikaa 45essoo.Eegii biyya bulchuu jalqabee amma ji’a sadeessoo keessa jira.

Mootummaa isaa kana waan hedduun himachuutti jiran:akka daarekterii FBI (Federal Bureau of Investigation) seera malee hojjatu gaafate,dhara dubbataa, dhossaa mootummaa Amerikaa Raashiyaatti himee fi waan hedduun himatan.

Akka abbaan alagandaa addaa siyaasaa gama lamaaniituu keessa hin jirre waan Raashiyaa fi bulchiinsii isaa waliin qaban qaratu filamu gaafachuutti jiran.

Gaafa bulchootii Raashiyaa minsitera haajaa alaa biyya sunii Sergey Laavroof faatii White House keessatti Tiraampiin wal mari’atan sun irratti dhossaa mootummaa dhibiin isatti hime Raashiyaatti himee nagaa Amerikaa balaa irra buusee fi waan hedudun himatan.

Daarekterii FBI,dhiyoo hujii irraa gussan James Comey ammoo Tiraampi “akka ani wanjala Maaykil Filiin,gorsaa nagaa biyyoolessaa Amerika ka hujii irraa gussaniin himatan dhiisu na gaafate,” jedhe.

Tiraampi ammoo wannii dhossaa innii Raashiyaatti hime akka hin jirre mormate.Raashiyaalleen tanuma jette.

Pirezidaantiin Russian Vladimir Putin ammoo wannii dhossaa mootummaa Amerikaa ministerii haajaa alaa Raashiyaa Sergei Lavrov Tiraampi waliin dubbate dhossaa hin qabduu ragaa qaban konigireesii Amerikaatti erguuf xalayaa barreesse.

Waan dhiyoo pirezidaantiin himatan gaazexoota Amerikaa New York Times, Washington Postii oduu gara garaatti gadi baase.

Tiraampi dureessa addunyaatti horii biliyoona hedduu qabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG