Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti yuniversitii (Texas Christian University ykn TCU) jedhanitti gurbaa ganna 14tti barumsa fiiziksiitiin digiriin eebbfame


yuniversitii TCU keessatti gurbaa ganna 14 digriin eebbifame
yuniversitii TCU keessatti gurbaa ganna 14 digriin eebbifame

Ijoollee amma barusmii fixattanii eebifamuutti jirtaniin baga gaammaddan jenna.

Gaafa digrii qaraatiin yuniversitii eebbifatme gannii ke hagam?

Amerikaa godina Teksas yuniversitii Texasa Christian University (TCU) keessaa gurbaan ganna 14 tokko dhiyoo tana digrii isaa ta qaraa barumsa Fiiziksii fi herrega, afaan chyaainaatiin eebbiafame.

Maqaan isaa Carson Huey You. "Waan harkaa qabdan jabeeffadhaa," jedhee nama gorsa.

Obboleessii isaa diqqaan ganna 11 Canaan dhiyootti yuniversituma tanatti digrii isaa Antiropooloojii fi injineringiin barachuu jalqaba.

Obboleessii isaa guddaan amma eebbifame kun akka haatii isaa Claretta Kimp jettitti gaafumaa sadakra lammeessoo baratuu herregaa guddoo jaalata. Gurbaan kun ganna 10tti yuniversti seene.

Digrii lammeessoollee ittuma aanee barachuuf kurfoo jira.Maastersii isaa,digri lammeessoo ganna lamatti fixu tahe gannii isaa gaafas 16 taha.

Yuniversitiin Texas Christian University (TCU) jedhan tun yuniversitii dhuunfaati. Tekas naannoo Fort Worth jedhan keessatti bara 1873 hujii jalqabde yuniversitii Amerikaa bebeekamtuu 100 keessaa tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG