Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajila fayyaa argachuun mirga ilmee namaati jedha Daarekterii Dhaaba Fayyaa Addunyaa dhiyoo filame,Dr.Tewodiroos Adihaanom


Daarektera WHO lammii Chaaynaa bara huji fixatte, Margaret Chaan fi daarektea haaraa dhaaba kanaa Dr.Tewodiroos Adihaanom.
Daarektera WHO lammii Chaaynaa bara huji fixatte, Margaret Chaan fi daarektea haaraa dhaaba kanaa Dr.Tewodiroos Adihaanom.
Daarektera Olaanaa Dhaaba Fayyaa Addunyaa,Dr.Tewodiroos Adihaanom Adoolessa 1,2017 huji jalqaba
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:03 0:00

Dhaabii Fayyaa Addunyaa Ministera Haajaa Alaatii fi Fayyaa Addunyaa Dr.Tewodiroos Adihaanoom kalee daarektera dhaaba isaa tolchee filate.

Dhaaba Fayyaa Addunyaa (WHO) miseensa 185 qabu keessaa 133 isa filate.

Nama hagana gahuun filamuun akka jecha Dr. Tewodiroositti karoora innii dhaaba kanaa qabu mirkansitiif.Yoo hujii tana hojjattu cufaa namii fayyaa qabaachuun mirga isaa akka tahe mirkansaa hojjata.

"Ummata keenna keesa harkii 50 karaa caasaa fayyaatii fi caasaa fayyaa addunyaa ittiin argatu hin qabne.Fayyaan mirga namii qabaachuu male keessaa tokko.Fayyaan bu’uura guddinnaati.Karaan cufti ka akka caasaa fayyaa addunyaatti nama geessu tahuu male.Akka kanaan yahuu malle.”

Dr.Tewodirsoo ganna shan dhufaaf daarktera Dhaaba Fayyaa Addunyaa tahee hojjata.Ganna shanan hujii tanaa filanitti waan hedduu hojjachufu karoorafate.Caasaa fayyaa addnyaa jabeessuu qofaa mitii akka jecha Dr. Tewodiroositti Dhaabii Fayyaa Addunyaa dhaaba itti gaafatama qabuu fi suniin hojjatu tahuu male.

"Duulii filannoo akkuma isanii beettani amma ya dhumatee ammitii saatii hujiin jabduun jalqabdu,isanilleen hinuma beettan. Taatullee walumaan duratti yaanee jijjiirama finna.”

Akkuma hujii jalqabeen jedha Dr.Tewodiroos akka dhaabi kun ariitiin balaa addunyaatiif dhaqqabu tolcha.Saatii balaan itti dhufe cufatti Dhaabii Fayyaa Addunyaa qophii jiraachuu male.

Gama kaaniin ammoo akka misniteri haajaa alaa Itoophiyaa jedhutti akka Dr.Adihaanom hujii tanaa filatamu Afrikaan waan jabduu hojjatte.Akka oduu himaan ministiri kanaa obbo Melles Alemu jedhutti filamuun Dr.Adihaanom qooda Dr.Adihanomii fi Itoophiyaa caasaa fayaa biyya isiitii jijjiiruf hojjatte mirkansa.

Karoorii hujii Dr.Adhaanom baafate akka obboo Melles jedhetti karoora biyyootii guddachuutit jiran baafatan.

“Afrikaanotii akka Dr.Tewodiroos filannoo tanaaf qopheeffachuu qofaa mitii gaafa filannoollee Jenevaa,Finfinnee embaasii Itoophiyaa Jenevaa jirulleetti qabsaahaaf turan.Afrika fi Itoophiyaa waliin moote.”

Itoophiyaanotii biyya alaa jiran ammoo gaafa duula filannoo tanaatii jalqabee kaasee ‘Itoophiyaan biyya mirgii namaa itti eegamuu mitii’ jedhanii falmaa bahan.

“Falmuun mirga isaaniiti waan fedhan gaafachuu mirga isaatii wannii guddoon ammoo dhugaa jirtu hubachuu wayyaa,”jedha.

Dr.Tewodiroos warra isa deeggeree fi ka hin deeggarenillee daarektera tanaaf waan gudoon tana irraa maan barannaa jedhanii duratti deemuu wayyaa jedha.

Dr.Tewodiroos nama Afirkaa keessaa hujii tanaa filame ka qaraati.Adoolessa dhufu hujii tana jalqaba

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG