Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee addunyaa (FIFA U-20) Kooriyaa Kibbaatti itti jiran, bori Zaambiyaa fi Jermeniitti taphata


Taphataa Aljeeriyaa Ahmed Musa(gubbaa) taphataa Ingilaandi Billy Knott (jala) dorgommii kubbaa miilaa addunyaa U-20 ganna dabre Armeeniyaatti tapahtaniin Naayjeriyaan 1-0 moote
Taphataa Aljeeriyaa Ahmed Musa(gubbaa) taphataa Ingilaandi Billy Knott (jala) dorgommii kubbaa miilaa addunyaa U-20 ganna dabre Armeeniyaatti tapahtaniin Naayjeriyaan 1-0 moote

Biyya 16 torbaan tokkkoon duratti jalqabee Kooiryaa Kibbaatti itti jiran. Afrikaa keessaa Giinii,Senegaal,Zaambiyaa fi Afrikaa Kibbaatti keessatti dabre. Amma Senegaalii fi Zaambiyaa qofatti hafe.

Taphuma qaraa irratti Kooriyaan Kibbaa Giinii 3-0 garafate.Zaabmiyaan Poortugaal 2-1 irraa galchite.Jappaan Afrikaa Kibbaa 2-1 gangalchite.Senegaal ammoo Sawudii Arebiyaa 2-1 tolchiteef.Zaabmiyaan Poortugaal 2-1 irraa galchite taan ammoo Iraan 4-2 garaa addeessitee moote.Xaliyaanii ammoo Afrikaa kibbaa 2-0 qaarifte.Amerikaalleen Senegaal 1-0 carassite.

Akkum akanaan Amerikaan isii F keessaa tokkeesoso jirti.Ingiliziilleen garee isii keessaa qabxii 7n Venezueelaan qabxii 9n Zaambiyaa qabxii 6n Urugaay qabxii 7n Faransaay qabxii 9n garee isaanii keessaa tokkeessoo jiran.

Hardha Poortugaal Kooriyaa Kibbaa 3-1 moote.Venezueheelaa fi Jappaan itti aanee taphata.Bori ammoo Urugaay fi Sawudii, Zaambiyaa Jermenii,Koostaa Rikaa Ingilaanditti taphata.

Iftaanii achi aantu ammoo Senegaalii fi Meksikoo Faransaay Xaliyaana, Amerikaa fi New Zilaanditti waliin taphata.Dorgommiin tun guyyaa 10n duubatti dhumatti

Xurunash Dibaabaa, Landan, Roobii, Ebla 19, 2017
Xurunash Dibaabaa, Landan, Roobii, Ebla 19, 2017

Xurunesh dorgommii km 10 tana daaqiiqaa 31:03 moote.Xununesh dorgommii akkanaa tana tana waliin marroo afur moote.

Namii isiitti aanee lammeesoo bahe atileetii Faransaay Christelle Daunay, Katriinaa Wootton sadeessoo.

Dorgommii dhiiraatiin ammoo atileetii Amerikaa Dathan Ritzenheyin moo’e. Namii kun km 10n tana daqiiqaa 28:06 moohe.

Lammeessoon atileetii dhalootaan Keeneyaa lammii Amerikaa Bernard Lagat.Atileetiin Afrikaa Kibbaa Stephen Mokoka ammoo sadeessoo daqiiqaa 28 fi sekondii.

Dorgommii FA CUP ta kalee Arsenaalitti Chelsii moo’ee marroo 13esso Shaampiyoonaa taate.FA CUP dorgommii kubbaa miilaa kilbootii Ingiliizi 736 2016-2017 waliin taphatan.

Ganna dabaree jalqabanii waluma jalaa haharacahaa Arsenaalii fi Chesliin walti hafe.Arsenaalitti Chelsii 2-1 moo’e.

APTOPIX Britain Soccer FA Cup Final
APTOPIX Britain Soccer FA Cup Final

Chelsiin tapha guyyaa dheengaddaa kana silaa akka dansaa jalqabde taatullee taphataan Arsenal Aleksi Sanchez daqiiqaa 4esso irratti gooi Chelsii keessaa buuseef jennaan qabbanofte.

Boqonnaan duubatti taphataan Chelsii Diyaagoo Kostaa daqiiqaa 76esso irratti goolii Arsenal keessa buusee taphii 1-1 taanaan Chesliin furatte.

Adoo furachaa beekanuu Vikotor Mooses seera malee taphate jedhanii tapha keessaa baasani Chelsiin nama 10 taatee Arselan jala horiite.

Adoo bahiitii isaatii dubbatanii Aaron Ramsey taphataan Arsenaal daqiiqaa 79essoo irratti kubbaa gamaa itti kennan mataan goolii Chelsii keessa buufatee Chelesii The Blues harklii afaanti goge.

Daqiiqaa 20n hafetti Chelsii shaampiyoonaa EPL ta baranaa nama 10 tapahttee taphii sunumaan dhuamtee Arsenaal mootummaan galatte.

Arseene Wenger barana kana name tokkolleen hujii isaa jhin jaalatiniif kaan tana waliin marroo torba kialbii isaa waancaa nyaachise nama ganna 67ti dhalootaan Faransaay.

Seenaa FA CUP ka amma ganna 146 keessatti manaajerii marro torba shaampiyoona tahe Arsene qofa.Dorgommii tana kilabootii kubbaa miilaa Ingiliizi haga diviziyoona 10 jiran cufti irratti wal dorgomanii abbaan moohame tokkummaan keessaa gala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG