Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirz., Afrikaa Kibbaa,dubbiin itti owwuutti jirti Muddee dhuftu keessa itti gaafatamummaa paartii isaanii, ANC irraa buusuuf jala jiran


Pirezidaanti Jaakoob Zuumaa footoo hiriira paartiin isaanii Caamsaa 1,2017 magaalaa Bloemfontein yaame keessatti
Pirezidaanti Jaakoob Zuumaa footoo hiriira paartiin isaanii Caamsaa 1,2017 magaalaa Bloemfontein yaame keessatti

Jaakoob Gedleyihlekisa Zuumaa jaarsa ganna 75ti. Bara 2009 jalqabee marroo lama pirezidaantummaa Afrikaa Kibbaa tahee filatamee hujiitti jira.

Namii kun pirezidaantii biyya tanaa 4essoo.Hujii tana durii Taamboo Mibeekii irraa fuudhe.Zuumaan paarti Afica National Congress(ANC) durii Nelson Maandellaa yayyabetti filate.

Horii mootummaatiin mana haareffate,horii miliyoona hedduu balleessee, seera malee hojjatee jedhanii eegii himachuu jalqabanii ya turan.

Nama kana amma dubbiin guddoo itti oowwaa deemuutti jirtii waan hedduun himachuutti jiran.

Tanumaaf jedhanii paartiin Afrikaa Kibbaa bulchitu Africa National Congress akka itti gaafatamaan guddaan paartii tanaa Gwede Mantashe jedhutti Muddee dhuftu keessa bulchaa haaraa filatama.

Paartiin tun kora Muddee dhuftu teettu irratti bulchaa haaraa fialtti taatullee ebelutti filatama hin jenne.

Akka itti gaafatamaan guddaan paartii tanaa jedhetti pirezidaanti Zuumaaa dubbiin itti owwitee guyyaan itti gabaabachuutti jira.

Akka oduu himaan ANC ZIZI KODWA jedhetti keessattu eegii waan pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa dhossaan maatii dureeyyii Indii Guptaas faan walii galanii mootummaa Afrikaa Kibbaa irraa faaydaa argachaa bahe jedhan gadi baheen duuba dubbiin itti oowwite.

Oduu himaan kun paartiin isaanii hujii akkanaatii obsaa hin qadu jedhee akka koomishiinii dubbii tana qoratu yayyabamu gaafate

“Amalii bulchiinsii ammaa akkuma bulchiinsa egerii itti gaafatama qabu qamna. Yoo paartii ANC maqaan bade ykn ammoo horii ummataa balleessan jedhani himatan dubbiin tun nuu cufa tuxxi.Rakkoo faluutti jirra. Tun hujii namii guddaan hojjate.Nu seera hamaa akkanaa hin qamnu.Amala hammeennii akkanaa kun paarti miiti.”

Itti gaafatamii pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa ANC keessaa qabu barana dhumata.Akka itti gaafatamaan olaanaa paartii ANC Gwende Mantashe jedhetti adoo barii pirezidantumaa Zuumaa bara 2019 keessa hin dhumatinii nama kana moggaatti baasanii hujii tana irraa fuudhan.

ANC,paartii Nelson Mandellaa yayyabe tana horii ummataa nyaatanii balleessuu, seera malee hojjachuuf waan hedudun himatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG