Xurree ittiin seenan

Chaaynaa fi biyyootii ollaa isii Galaana Chaayinaa Kibbaa 'South China Sea’ irratti wal dhabuutti jiran

  • Soraa Halakee

Doonii waraana Amerikaa USS Dewey ti Galaana Chaayina gama Kibbaa irratti lenjii waraanaatti jira.

Taaywaan,Filippinsii fi Vetnaam bisaan Galaana Chaayinaa Kibbaa duruu falamaa guddoo qabu irratti walumatti dheekkamuutti jiran.

Galaana kana waan hedduuf barbaadan; geejjibii doonii addunyaa harka sadii keessaa hrkii tokko asiin dabra.Garbii kun Karimata fi Malacca Straits haga naannoo Strait of Taiwan jedhanitti lafa km 1,400,000 bal’ata.

Qurxummii miliyoona heddttu ta Eezhiyaa gama Kibbaa Bahaa qallabduutti asitti hora kuusaa zayitii fi gaazii hedduu asi jala jira.

Galaanii ‘South China Sea’ kun GarbaPaasifikiin walti ejjaa biyya hedduutti dhiyaata.Garba sun keessaa gannatti qurxummii miliyoona dhibba hedduutti hora.Nama miliyoona 3.7 tana irraa hujii argata.

Chaayinaan seera jabaa barana baafatteen akka lafa bal’oo km kuma hedduu garba sunii keessaa ji’a sadiif namii qurxummii hin baafanne hajajje.

Taaywaan, Vetnaam fi Filippinsii faatii bisaan kana keessaa qooda qabaatanillee hajaja Chaayinaa kana hin fudhanne.

Chaayinaan dooniin qurxummiin guurrattu bisaan sun irraa haga silaa keessa fagaachuu malte dabarsitee jennaan ammoo biyyootii ollaa isiilleen doonii fi bidiruu qurxummiin qabatan akka itti seenan hin hajajju.

Vetnaam murtii Chaayinaa tana hin fudhanee Taaywaan ammoo bidiruu achi yaahanii qurxummii qabaniif badhaasa kenniti.

Doonii fi bidiruun biyyoota tanaa cuftii hajaja Chaayinaa kana didanii qurxummii guurrachuuf kurfoo jiran Chaayinaan ammoo doonii fi bidiruu ji’a sadeen kana keessatti argite hin qabdi.

Taatullee garba kanatti dooniin waan heddateef qurxummiin diqqaachuutti jirti.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG