Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaanaan dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa AFCON 2019f dabruuf Itoophiyaa 5-0 mootee Liibiyaalleen Siishelsi 5-1n biraa deemte


Garee Kubbaa miilaa Gaanaa dorgommii AFCON 2015 irratti yoo Giiniin walti qohaahuutti jira
Garee Kubbaa miilaa Gaanaa dorgommii AFCON 2015 irratti yoo Giiniin walti qohaahuutti jira

Dorgommiin Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa AFCON 2019 Kaameruunitti qopheessa.Biyyootii tanaaf dabruuf taphatan biyya irra maranii taphatan.

Dorgommii tanaaf dabruuf ji’a sadiin duratti tapha jalqabanii biyya 51 itti jiraa marroo 23 taphatanii goolii 62 gale.

Garee Zimbaabuwee bara 2015
Garee Zimbaabuwee bara 2015

Gaanaan goolii qaraa daqiiqaa 10essootti,ta lammeessoo daqiiqaa 14essootti akkanuma jechaa boqonnaan duratti sadii keessa buufatte.

Lamaan haftellee boqonnaan duubatti irra bubuuftee Itoophiyaa harkuma dhadhawattee duwwaa keessaa galate.

Gaanaan biyyuma ufii istaadiyoomii biyya isii Baba Yara magaalaa Kumasi keessatti garee Itoophiyaa akkana tolchite.

Zimbaabuwelleen Laayberiyaa 3-0 adabdee goolii sadeenuu gurbaa isaanii Knowledge Musoonaatti itti guure.

Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa bebeekamoon Naayjeeriyaa,Ayvorii Kostii fi Zaambiyaan tapha guyyaa dheengaddaa irratti hin dandamanne.

Naayjeeriyaa Afrikaa Kibbaatti 2-0 lafaan dhahe.Ayvori Kosti Giiniitti 3-2 qaarise. Zaambiyaa Mozaambikitti 1-0 irra aane.

Maadagaskaar Suudan 3-1 buufte,Liibyaan Siishelsi 5-1,Burundiin Suudan Kibbaa 3-0,Senegaal Ikuwaatooriyaal Giinii 3-0 wal irraa galchan.

FIFA U-20

Garee Ingilaanditti shaampiyoonaa U-20 moo'ee akkana gammada
Garee Ingilaanditti shaampiyoonaa U-20 moo'ee akkana gammada

​Waancaa kubbaa miilaa addunyaa ijoollee ganna 20 gadi U-20 Ingilaanditti moo’ee mootummaan galte

Ingilaandi Venezuheelaa 1-0 moote shampiyoonaa taate.Ingilaandi asiin dura dorgommii akkanaa tanaa marroo 10 taphattee barana goolii ammoo gurbaa isaanii Dominic Calvert-Lewin galchetti moohachiise.

“Yoo taphii dhuamtee jedhanii firimbii afuufan gammachuun waan taatu wallaalta,” jedhe Domniki tapha irraa bahee jennaan.

Namii kun kilabii Evertonii fi U-20 Ingilaandi keessa taphata.Dominik namicha gooli eegu irraa kubbaan futuquattee lafatti argatee jennaan biruma gahee ittuma cuqqaalate namichii goolii kubbaan goolii keessa gangalattu argite ufi jibbaate dhiise.

FIFA 2018 Raashiyaa

Dorgommii Waanca Kubbaa Miilaa Addunyaa ganna dhufu Raashiyaatti qopheesaniifilleef warri dabaru wal dorgomuutti jira.Amerikaa fi Meksikoon tapha kaleetti 1-1 gargara bahan.

Goolii Amerikaan galafatte Maaykil Biraadilii metirii 37 irraa dhiitee keessa buufate.Biraadiliin kubbaa gamaa walti kennan jidduutti butatee namicha Meksikoo goolii eegu Guillermo Ochoa utubaa goolitti rarraasee goolii galfate.

Namichii Meksikoo taphatu Carlos Veellaalleen metirii 20 irraa galfate.

Meksikoo fi Amerikaa garee tokko keessa jiranii Meksikootti qabxii 14 tokkeessoo jiraa, taphata afuritti hafeef.Amerikaan ammoo qabxii 8n sadeessoo jirtii tapha afuritti hafeef.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG