Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.,Tiraampi seera malee hojjachuu fi dhibaachuu isaa qorachuutti jiran. ‘Innii ammoo ‘Kun falala nama jala maruu hinuma moo’anna!’ jedha


Kuusaa suuraalee:Pirezidaantitti kora Kaabinee isaa irratti dubbachuutti jira.Ka duubaa mullatu sun gorsaa isaa,soddaa isaa ka intala isaa fuudhe Jared Kushner.Waxabajjii 7,2017
Kuusaa suuraalee:Pirezidaantitti kora Kaabinee isaa irratti dubbachuutti jira.Ka duubaa mullatu sun gorsaa isaa,soddaa isaa ka intala isaa fuudhe Jared Kushner.Waxabajjii 7,2017

Dubbiin pirezidaantii Amerikaa Doonaldi Tiraampii fi miilota isaatiin himatan waan bubbule.

Miilotii isaa gaafa duula filannoo pirezidaantumaa Amerikaa irratti fi innii eegii filanno moo’ee hujii jalqabuuf kurfoo jiruu isaa fi miilotii isaa bulchoota Raashiyaa waliin seera malee hojjatan jedhanii himachuutti jiran.

Waan seera malee jedhan keessaa tokkoo Raashiyaa Tiraampi gargaartee akka innii filannoo pirezidaantummaa moohatu tolchuuf odeeffannoo komputera paartii Demokiraatik jalaa hattee filannoo waliin dhahuu.

Adoo pirezidaanti Obaamaan bara hujii ufii hin fixatin miilotii Tiraampi faatii filannoo moohuu mirkanfannaan seera malee bulchoota Raashiyaatiin wal dubbatanii dhossaa mootummaa Amerikaa itti himaa fi waan bara Obaamaa hojjatame diiguuf wal mari’achuu fi dhossaan bulchoota Raashiyaatiin wal dubbachuu fi waan hedduu.

Pirezidaanti Tiraampi maqaa dhaaba daldala isaalleen biyya alaallee qaraxaa fi horii hedduu guurrachuutti jira jedhaniillee himachuutti jiran.

Soddaa pirezidaanti Tiraampi, Jared Kushner ammoo seera malee maqaa soddaa isaa jalatti dahatee hojjachuu fi dhibaachuun qorachuutti jiran.

Abbaa alangaa addaa Amerikaa,Jeff Sessions fi bulchoota Amerikaa Tiraampi waliin hojjatan tokko tokkoon yaamanii qorachuutti jiran.

Qorannoo tana haga guddaan daarektera FBI, Biiroo Qorannoo Federaala Amerika ka durii, Rooberti Muuleritti itti jira.

Pirezidaantii Tiraampi ammoo “tun falala namaa hin deebinee, dharaa walti guuranii ragaa itti barbaaduutti jiranii dhara tana hinuma irra aannaa jedhee” jedhee dheekkamsaan dubbata.

Miseensotii paartii Tiraampi,Rippaabilikaan ammaaf woma Tiraampi gargaaran fakkaatan.

Taatullee Tiraampi ergaa Twitter irratti erguu amaleeffateen “qorannoon dharatti dhugaa barbaaddu tun waan seenaa Amerikaa keessatti arganii hin beenne,” jechumatti jira.

Tiraampi waan isaa fi Raahsiyaan himatan kana mormachaa ufi irraa dhowwaa bahe amma ammoo gama siyaasaatiin gargaars aitti gaafachuutti jira.

"Akkuma beettan ya nu marsan.Tana isanuu hinuma beettan.Taatullee haga durii caalaa jabaannee guddannee wayyoomne mullanna. Hinuma argitan.”
Paartiin Demokiraati Tiraampi fi miilota isaa irratti dubbii Raashiyaa tana jabeessumatti jiran.

Kana keessaa tokko miseensa Kongireesii Amerikaa kutaa MD, Elijah Cummings. "Tun hujii demokiraasii teennatti lubbuu deebisuuf hojjatan.Nurraa baafachuu hin malle.”

Tiraampi yoo hedduu yo waan Raashiyaa itti maqaa dhahan waan jechuu fedhu Tiwiteriin reeba.

Miilotii paartii isaa ka akka Afi-yaa’ii mana marii Amerikaa,Paawul Rayaan faati Tiraampi hujii biyya bulchuu tana keessa hin turreef tana tahe jedhan.

"Innii bulchiina kanaa haaraa.Waan ministirii haqaatii fi FBI waliin qabaachaa bahan akka dansaa hin beenne faaf tana taha.”

Miseensii paarti Rippaabilikaan ka akka Charlie Dent faatii Tiraampi yoma waan isaa fi Raashiyaa maqaa dhahaa arge Twittertitti reebuun diqqeeffachuu male jedha.

Yoo wannii Tiraampiin himatan kun dhugaa taatee balleessaa itti muran hujii irraa buusuu fa dandahan.

Taatullee achi gahuufuu dharaa fi dhugaa jirtu akka dansaa keessaa qulquleeffatani qorachuuf abbaa alangaa addaa, daarektera FBI ka durii, Rooberti Muuler itti filanii qorachuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG