Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maratoonii kalee Kanaadaa Manitoobaatti dorgoman Tarreessaa Fakkansaatti moo’atee badhaafame


Atileeti Tarreessaa Fakkansaa(jidduu)
Atileeti Tarreessaa Fakkansaa(jidduu)

Maratoonii Manitoobaa 39essoo Tarfaasaa Fakkansaatti moo'e(ka jidduu)
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:10 0:00

Tarreessaan atileetii ganna mana 20 keessa jiru.Ganna shanii asitti dorgommii biyya keessaatii fi biyya alaatti keessaa mumullachaa oli bahe.Mana barumsaatii jalqabee fiigichaan oluma guddachaa dhufe.

Awurooppaa fi biyya hedduu dhaqee dorgome.Ganna lamaan duratti Kanaadaa dhufe.

Maratoonii kalee Manitoobaatti dorgoman namii 12,000 irratti wal dorgomee isatti 2:38:03.2 moo’e.Qillensa lafaa ka bokkaa, lolaa qabuu keessaa mucucaachaa, dhiba miilaatii malee silaa kana caalaa saati dansaa moohadhaa jedha.

“Saatii kootti hin gammannee lukatti na dhibee dhidhiibachaan bahe kutee bahuu mannaa injifachuu wayyaa jedhee.Uumamta bahee na simatee baayyee tokko isaan galfateeffadha.Lukni baayyee na dhukkuba ture.Ummata keenna biyya keessatti dararama jiru sammu keessa godhahee dorgommii kutee bahuu hin barbaannee."

Tarreessaan rekoordii haaraa qabaachuu baatullee maratoonii km 23 asiin duraa saatii 1:03 moo’e.

Namii kun egerii Kanaadaaf dorgomuu barbaada.Ji'a lamaan duubatti dorgomii magaalaa Quebec City jedhan Kanaadaatti dorgomaniif f kurfoo jira.

Gama kaaniin ammoo Tarreessaan bara 2012 keessaa Amerikaa godina West Virgina keessatti dorgommii baddaa keessa dorgoman iratti isaa fi miilotii isaa karaa milikeeta karaa irra fiiganii hin qamne irraa badanii barbaadaa saatii 8 caalaatiin argan xuyyuuraan barbaadanii argan.

“Ijoollee afur akkuma ko haaraa ka tahan daandiitti deebina yoo jennu daandii arguu dadhabde.Isaan nama afur ka anu fuudhee bade.Atoo isaan na faana baduu baatanii meeshaa qabaachuu baatanii anilee hin argau ture.”

Dorgommiin Manitoobaa ta Tarreessaan moo’e IAAF qopheessee 39essoo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG