Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jermeniin kora biyyoota dureeyyii addunyaa 20n dhiyoottu yaamtu irratti rakkoo Afrikaa mari’achiisuf deemti


Chansileerii Jermenii Anglea Merkelitti kora kora rakkoo Afrikaa irratti mari'atu irratti dubbachuutti jira. Waxabajjii 12,2017
Chansileerii Jermenii Anglea Merkelitti kora kora rakkoo Afrikaa irratti mari'atu irratti dubbachuutti jira. Waxabajjii 12,2017

Jermeniin nama baruma baraana Afrikaa keessaa baqatuu falii dhahuuf mala keessaa tokko akka Afrikaatti namii hedduun hujii argatu tolchuu.

Karoorii “Merkel Plan” jedhanii maqaa Chaansilerii Angela Merkliiti.Karoorii isii akka dureeyyiin addunyaa akka dansaa Afrikaa keessatti hujii hojjatanii akka namii biyyuma keessatti hujii argatu tolchuu.

Jermeniin balchooma ufiitiif jettee Afrikaa guddisuuf faluutti hin jirtu nama jireenna barbaada Afrikaa gara Awurooppaa baqatu miila gadi dhaabuufii jetti Chaansileeriin Jermenii, Angela Merkel.

Nama Afirkaa baqa yaahuf fala barbaaduu baannaan Afrikaa keessaa nama miliyoona 100 baqachuuf yaa’a jedha minsiterii haajaa alaa Jermenii, Gerdi Muuler.

Chaansileeriin Jermenii akka investerootii biyya alaa doolara miliyona 335 Afrikaatti baasanii hujii namii faaydaa irraa argatu hojjatan tolchuuf faluutti jirti.

Tana tolchuuf ammoo kora biyyootii guddachuutti jiran 20n (G20) Adoolessa dhufu keessa Jermenitti taa’u irratti bulchoota biyya 19 yaamtee mari’achiisuuf kurfoo jirti Jermeniin.

Biyyitii Afrkkaa afaran Jermeniin amma qalbi keessaa qabdu;Ayvorii Koosti, Morookoo,Tuniiziyaa fi Riwaandaa tatullee bulchoota biyya Afirkaa ta dhibiilleen wal dubbachuu feeti.

Insitiyuutii haajaa alaa Afrikaa Kibbaatti itti gaafatamaan sagantaa hariyummaa Dinagdee,Taahitaa Bertelsmaan Jermeniin biyya durii bitaa baate taan jireenna isaaniifii maqaa ufiillee gargaaran wayyeessuu feeti.

“Jermeniin waan qabdu hedduu kennite.Akkii isiin Waraana Addunyaa II duubatti biyya industirin guddatte taatee mullatteelleen waan nama jajjabeessaati.Afrikaallen karaa industirii kanaan guddattuun barbadachuutti jirti.Jermeniin ammoo gamanaan biyyoota tattana guddisuu feeti.”

Afrikoon,dhaaba Jermeni jiru ka mala biyyoota Gammoojjii Afrikaatii gadi jiran jireessuuf fala dhahu.

Akka gabaasa dhaaba kanaatti Jermeniin halkanii fi guyyaa karaa Afrikaan guddisan barbaaduutti jirti.Kiristoof kanensigser Waldaa Daldala Afrikaa-Jermenii ka Berlin jirutti itti gaafatmaa olaanaa.Akka jecha isaatti Jermeniin dhaabbilee 600 tahan Afrikaa keessaa qabdi.

Ammallee hedduutti itti dabalamuuf deema. Namii ardii tanaa gobbachaa deemuutti jiraa carraan dianagdeelleen akkanuma keessatti guddata.

“Malii guddinna dinagdee Afrikaa Jermeniin ittiin jirtu kun Afrikaan ardii qooda siyaasaatii fi qooda dinagdee guddinna isii keessaa qabdu.Tanaafuu Jermeniin hariyummaa jabduu ardii tana waliin jabeeffachuu malte.Ta dhibiin ammoo Afrikaa ardii dinageee keessatti guddifachuuf carraa irra argachuu dandahan.”

Miseensotii G20; Arjentiinaa, Awustiraaliyaa, Biraazil,Kanadaa, Chaayinaa, Biraazil, Faransaay,Jermenii,Indiyaa,Xaliyaana,Indoneezhiyaa,Kooriyaa Kibbaa, Mekiskoo,Raashiyaa,Sawudii Arebiyaa,Afrikaa Kibbaa,Turkii,UK,USA fi Waldaa Awurooppaa.

Korii biyyoota addunyaa ka guddatanii G20 Adoolessa 7-8 keessa Hamburgi, Jermenitti taa’ee rakkoo akka akkaa irratti mari’ata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG