Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya hedduutti humna ijoolleetti taphata Gammoojjii Sahaaraa Gama Kibbaatti ammoo nama miliyoona 4 tahutti jireenna sun keessa jira


APTOPIX Maynmaar. Wadorgommii suuraa ka humna ijoollee ta itti tapahtan agarsiiftu
APTOPIX Maynmaar. Wadorgommii suuraa ka humna ijoollee ta itti tapahtan agarsiiftu

Addunyaa keessaa biyya hedduutti humna ijoolleetti taphata
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:42 0:00

Finfinneetti marii guyyaa lamaatti taahutti jira.Rakkoo ijoollee humna isaanii itti taphatanii irratti mari’atti mariin tun.Addunyaa keessaa biyya hedduutti humna ijoolleetti tapahta.Biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gama Kibbaa jiran keessaa hedduutti humna ijoollee lafatti balleessee itti taphata.

Korii kunilleen tanuma irratti mari’ata.Abdulfattaa Abdullaahii ministera hujii fi hawaasummaa Itoophiyaati.Akka innii yoo kora kana irratti Dhaaba Hujii Addunyaa ILO maqeeffatee jedhetti Afrikaa keessaa haawaan,ijoollee fi nama dhiiraalee waliin nama miliyoona 3 fi kuma 700 humna isaaniitti taphata.

Ijoollee gannii isaanii 5-17 keessaa ta miliyoona 58 tahan ammoo humna isaanii waan fedhaniin guutatanii waan humnitii isaanii hojjatteef dhowwatan.

Taatullee akka jecha isaatti Afrikaa keessaa humna ijoolleetti taphachuu fi giddiin hojjachiisuun harka 10 diqqaattullee ammallee waan hedudu hojjachuu malanitti hafe.

Itoophiyaa keessaa akka jecha ministera Abdulfattaatti hubachaa dhabaa fi hiyyumatti humna ijoolleeetti nama taphachiisa.

Mootummaan Itoophiyaa akka jecha minsitea kanaatti gama kanaan waan hedduu wayyeessuuf hojjachuutti jira.Mootummaan hujii misoomaatii fi akka ummatilleen rakkoo tana hubatu tolchuuf waan hedduutti hojjatame jedha.

“Hujii hojjachumatti jiran.Akkuma jirtutti rakkoo tana ya hambifne jechuu baannullee akka mootummaatti karoora kanaaf bahe irratti bu’aan arganne waan nama jajjabeessaati.”

Namii dhibiin kora kana irratti dubbate itti aanaa daarektera dhaaba hujii addunyaa fi daarektea naannoo Afrikaa, Aniyaa Chumaati.

Akka jecha isaatti ijoollee Afrikaa shan keessaa tokko humna isaanii akka hamaatti itti taphatan.Rakkoo tana maatii,onaa fi ollaa fi biyyaan irratti mari’atanii hambisuu dandahan.

"Rakkoon tun akka lama jirti.Gama tokkoon wayyoftullee gama dhibiin ammoo akka hamaa jirti fakkaatti.Humna ijoolleetti taphachuu,giddeessanii hojjachiifachuu fi fi nama gurgurachuun addunyaa keessaa diqqaachaa dhufumatti jirti.Taatullee rakkoon tun ammallee baddee hin banne. Biyyoota jireennii itti jabaate keessaa namii jireenna wayyaa qabu barbaadachuuf deemuun woma hin hamne.Yo biyyaa baafatanillee waan hedduu isanii tolchinaa jedhanii waadaa galaniif.Yoo achi gahan ammo wannii jedhan kaan hin jirtu.

Warrii humna namaa akkana itti taphatu kun laakkuma oolee buluun mala namaan saamu jabeeffataa, nullee karaa isaaniin dhaabnu wayyeeffachaa yaana.”

Mariin hardhaa fi bori Finfinneetti teettu tun waan humna ijoolleetti taphachiisaa, keessattu ijoollee giddiin hujii hojjachiisee waan isaanii male dhowwisiisaa fi fala silaa jriaachuu male irratti waan hedduu dubbachuuf yaahan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG