Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jermeniin kalee fi guyyaa dheengaddaa dorgommii kubbaa miilaa addunyaa gurgurdoo lama moote


Confederation Cup baranaa Jermenti moo'e
Confederation Cup baranaa Jermenti moo'e

Jermeniin dhiyoo tana hinuma miirressite,marroo tokko dorogmmi kubbaa miilaa addunyaa lama moote. Guyyaa deengaddaa dorgommii kubbaa miilaa ijoollee Awurooppaa ganna 21 gadii, UEFA 21 fi kalee ammoo Confederation CUP 2017 mootee qabaadhatte.

Biyya 12tti Waxabajjii 16-30 magaalaa Polaandi 6tti taphachaa bahee goolii 60 galee marroo 19 taphatan. Jermeniin Ispeeniin walti martee 1-0 mootee waancaa fudhatte.Jermeniin tana waliin marroo lama shaampiyoonaa taate.

Gama kaaniin ammoo Jermeniin dorgommii Confederation Cup 2017 irralleetti Chiilee 1-0 mootee waancaa fudhatte.

Confederation cup,waancaa kubbaa miilaa biyyootii dorgommii kubbaa miilaa ardii isaanii moo’an walti maran.

Jermeniin dorgommii FIFA2014 waan mooteef itti dabalamte Raashiyaa ammoo waan dorgommii baranaa qopheessiteef keessa jirti.

Afrikaa keessaa Kaamerunitti keessa jira. Isii marsaa lammeessootti keessaa baasan.Jermeniin Kaameruun 3-1 dhukkeessite,Chiileelleen 2-1 irraa galchitee Austilraiayaan 1-1 gargar galtee qabxii dhabdee dorgommii keessaa galte.

Goolii Jermeniin Chiileen mootee tana dogoggora taphataan Chiilee Marcelo Diaz hojjateen kubbaa taphataa Jermenii Lars Stindl afaan buutee biruma ejjee tumate.

Kubbaa taphtaootii Chiilee ka akka Arturo Vidal fi Angelo Sagal faati sibiilaa goolii gubbaa babarrisaa yaate.

Taphataan Jermenii beekamaan Timo Werner tapahtaa Chiltee Gonzalo Jara ciqileen tumatee sun silaa waan tapha keessaa nama baasisaa tolchullee gorsumaan bira dabaran.

Jermeniin ammallee dorgommii waancaa kubbaa miilaa addunyaatiif qophii jirti. Taatullee taphattoota isii bebeekamoo ganna sadiin duratti Riyoo Biraazli Arjentiinaa moo'ataniif ka akka namicha goolii eeguuf Manuel Neuer, namicha jidduu taphatuuf Mesut Ozil fi Toni Kroos,Thomas Muller faatii amma keessa hin jiraniif.

Leenjsiaan kubbaa miilaa Jermenii Julian Draxler akkana jedha."Akka dansaa lollee tanumatti nuu male.Jara kana duraan waliin hin taphannee tunilleen nu gargaarte jedha. Keessattuu ijoollee kahimaa tana waliin moohachuu waan jilba nama jabeessaati.Amma qalbii tokkoon boqonnaa baana," jedha.

Leenjisaan Chiilee Claudio Bravo ammoo moohachuu dhabuun garaa nu nyaattullee biyya addunyaattu beekamtu waliin taphannee waan wallaalle hedduullee irraa barannee jedhe.

Atileetiksi

Atileetoti addunyaa Shaampiyoonaa Addunyaatiif Londonitti walti qophahauutti jiranii Itoophiyaan dorgommii tanaaf atileetota 50 caalaa qopheeffatte.

Dorgommii atileetoti 3000 caalaan itti dhufan tun Adoolessa 4-13,2017 Londonitti qopheessan.

Dorgommii tana London naannoo Tower Bridge jalqabanii laga Thaames irraan deebihanii,karaa mana amantii kaaatolikii St.Paul Katediraal irraan qaxxaamuranii Paarlaamaa biyya sunii jalaan deebi’anii, mamratoo karaa km 43 irra maranii warrii jalaa haharca'e jalaa hafee koromtoon rekordii haaraa argachuuf,biyyaa fi ufii maqaa yaamuuf fulaa itti jalqaban,Tower Bridge-deebi’an.

Akka leenjisaan Useen Boolti jedhetti Itoophiyaan dorgommii metirii 5,000 fi 10,000 nama 12 kopheeffattee 6 dhiiraa 6 ammo dubra.

Atileetotii tun hagii tokko ijoollee ka’imaa guddachaa dhufanii hagii tokko ammoo jaruma duruu beekan.

Atileetiin tokkoo dorgomii gugurdoo addunyaa ta akkanaa irratti dorgomuuf akka jecha Useen jedhutti leenjii haga km 600-700 fiiguu fa dandaha.

Tana ammoo guyyaattii saatii saatiin ciranii akkuma nafii isaa dandahutti, akkuma nyaata nafii isaa fudhatuu,qilleensaa naannootii fi waan akka akkaa laalanii saatii fi guyyaa guyyaan ciranii leenjisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG