Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Daandii Bosontuun ibsee,ilaa fi gurra keenna dhiphuu fi bal’inna, aadaa teenna irraa barannee addunyaan gahannu, ha jabeeffannuu!’


Daandii Bosontuu maqaa Sagantaa TV Afaan Oromoo-Booranaa Keenyaa keessaa dabru
Daandii Bosontuu maqaa Sagantaa TV Afaan Oromoo-Booranaa Keenyaa keessaa dabru

Daandii Bosontuu maqaa Sagantaa Afaan Oromoo-Booranaa,Naayroobii dabruuti
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:53 0:00

Sagantaan TV afaan Oromootiin Keenyaa dabru ‘Daandii Bosontuu’ eegii Keenyaa,Naayroobiitti hujii jalqabee amma ganna tokkoo fi ji’a torba keessa jira.

Mootummaa Keenyaa irraa eeyyama argannaan ijoolleen barusma gaazexeessummaa baratan tolaan hujii tanatti dabaran.

Gaafa guyyuu saatii tokkoo dabarsaniia amma saatii lama tahuuf deemuutti jira.

Qophii guyyaa torbaanitti guyyaa torba qaban tanaan sagatanaa akka Akaka dabarsan.Aadaa,Barnootaa,Dubartoota,Qophii Fayyaa, Siyaasaa, Jireenna Horsiisee Bula biyya Dhaadhaa(Gammoojjii),Qophii ijoollee ka’imaa fi torbaan torbaaniin saganataa jijijjiiraa dhieyessan.

Ijoolleen Daandii Bosontuu keessa hojjatu barumsa gaazexeessummaa yunivertii keessatti baratan.Asii Galgalootii fi Liiban Goollichaa jara Daandii Bosontuu keessa hojajtu keessaa tokko.

“Aadaa teenna,dhiphuu fi bal’inan keenna addunyaa quba qabaachifachuuf Daandii Bosontuu jalqamne,ibsee warra afaan keenna dubbatu cufaatii ha jabeeffannuu,”jedhan.

Sagantaa guyyaatti saatii tokkoo dabarsan kana televizhiinii STN-TV (Star TV Network) irratti Naayroobii dabaruuti TV fi FACEBOOK irrattii addunyaaf dabarsan.

"Dansooma aadaa teenna,rakkoo naannoo teennaa, jabeenna qamnuu fi waan nuu beekan adudnyaatti gadi baasuuf jalqamne,” jedhan.

“Namii afaan keenna Booranaa dubbatu, Marsabeeti, Isiyolloo, Madheera, Solooloo,Nyaaroobii fi fulaa hedduu Keenyaa keessa jiraata tanaafuu namii nu daawwatu Keenyaa qofa keessatti miliyona caala” jedhan.

Keessattuu godinii kukkun Lafa Dhaadhaa(Gammoojjii) horsiisee bulaan hedduun keessa jiraatu,Daandii Bosontuun jireenna jara kanaatii fi waan bonaa fi oolaan isaan tolchellee yoo hedduu hojjatanii addunyaa agarsiisan.

“Wannii nu Daandii Bosontu jalqamneef Keenyaa keessatti TV Afaan Oromoo dabarsu hin jiruu namii afaan kana dubbatu ammoo hedduutti jira.Tanaaf nama hedduutti kanaaf maaniif afaan keenna hin guddifannee jennee jalqamne… hujiitti duunne amma saatii lama qamnaa egerii ammoo saatii 24 dabarsuu fa dandeenna jennee jalqamne,” jedhan.

Aadaan tennallee gama amantiitilleen akka hin banne tolchuuf akka namii lafa gugurdoo akka Naayrbooii fa keessa jiraatulleen ijoollee isaani afaan ufii barsiifatu tolchuu fi jajjabeessuu sagantaa kana jalqaban.

“Waan keetitti si qabataa,.loon ollaa keennaa keennaa,keesattu ka moonaa teennaa keennaa…waan ufiitti abbaa afaan urgeessaa..nulleen haguma qocaallee yaanee hinuma guddannaa jennee herreganna,” jedhan.

Daandii Bosontuu akka jarii jedhutti nama kuma dhibba hedduutti Online ykn interneetii irraa daawwataa nama miliyoona tokkoo olitti Keenyaa qofa keessaa daawwata.Afrikaa gama Bahaa, Itoophiyaa,Ugaandaa Somaaliyaa fi fulaa hedduu daawwatan.

Namii Keenyaa jiru ammoo

Go TV 836/854

Star Time 43

Signal Channels

DSTV 265

ZUKU 59 fa irraa daawwachuu dandaha.Adunyaa keessatti ammo interneetii irraa daawwachuu dandahan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG