Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dureeyyiin addunyaa 20n G-20 Hamburgi,Jermenitti korati jiran warra hiriira mormi bahuu fi poolisiin achitti lafa walti chochoosuutti jiran


Hiriira mormii Hamburgi,Jermenii
Hiriira mormii Hamburgi,Jermenii

Hamburgitti nama kuma hedduutti kora G20 duratti mormuuf hiriira bahe
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:36 0:00

Hamburgi,magaalaan Jermenii midhaagumaan addunyaa keessatti beekamtu ammaan tana waan hedduutti keessatti tahuutti jira.

Korii biyyoota dureeyyii addunyaa 20n borii fi iftaan achitti taa’a.Suniin duratti namii kuma hedduu hiriira mormii bahee karaa cufaa,makiinaa gubaa,suuqilee fi waan fuula keessa dhufee ibidda itti kaa’aa guyyaa guddaan waan hedduu gubanii goola dhaaban.

Bisaanii fi gaazii walti biifaa dhakaachaa,dullaa,caaccaba duloo (xaarmusii) fi woma argataniin wal akaahuutti jiran.

Waan waliin hadhan keessaa tokko duloo shampaanyii ibidda keessa buusanii namaan hadhan fa.

Kora kana kaan sirbaan kaan ammoo karaatti yaa’ee hiriira mormii bahee morma.

Wal dhaba poolisii fi nama hiriira bahee irratti nama kurnya hedduutit miidhame.

Hiriira kana jara siyaasaa warra bitaa oofu(Leftist) Jermenii gama cufaa wal yaamee qopheeffate.

Obboo Sharafaddiin AbbaaJabal nama lafa hiriira itti bahuutti jiran, Hamburgi jiraatu keessaa tokko.

“Hiriirii mormii kun haga guddaan guyyaa keessa namii wayaa adii mataatti naqatee sirba.Kora kana irraa bu’aa hin qamnu,dubbiin jaraa bu’aa hin qabduu,addunyaa beela keessa jirtii jarii ammoo fedhii ufi haasahaa jedha.”

Akka jecha obboo Sharafaddiinitit hiriira kana eeguu fi lafa eeguuf poolsii 40,000 dhufe.Gubbaa xuyyuuraan jalaa ammoo poolisi kuma hedduutti lafa eega.

“Warir kun(Tiraampi,Puutin,Erdogaan) nagaa addunyaa eeguu hin dandeennee, rakkoo jiru baballisuu malee nagaa addunyaa fiduu hin dandeennee.Warii hoteellii fi manneen nyaataa jara kana asitti hin argauu hin barbaannu jedhee barreeffama qabatee morma.Jara kana asitti arguu hin barbaannu,”jedha obboo Sherefeddiin.

Miseensotii G20

  • Arjentiinaa
  • Awustiraaliyaa
  • Biraazil
  • Kanadaa,
  • Faransaay
  • Jermenii,
  • Indiyaa,
  • Indoneezhiyaa
  • Xaliyaana
  • Jappaan
  • Meksikoo
  • Raashiyaa
  • Sawudii Arebiyaa
  • Kooriyaa Kibbaa
  • Turkii
  • UK
  • US
  • Chaayinaa
  • Afrikaa Kibbaa

Laftii hiriirii itti bahuutti jiranii fi bulchootii kora itti taa’uutti jiran Hamburgi, nama miliyoona lamaatti keessa jiraata,Jermenii gama Kaabaa jirti.Nama biyya daawwatu miliyoona sagalitti itti dhufa. Londonii fi Paarisitti aantee lafa namii miliyoona hedduu itti dhufu keessaa tokko.

Gama siyaasaatiin ammoo lafa Liberal ykn siyaasa yaada gama gamaa ulfeessitutti keessa jira adoo jarii keessa jiruu korii kun itti taa’uun nama hedduu ajaahibsiise jedha warrii lafaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG