Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaa fi Somaaleetti beelti hammaachaa deemuutti jirti


Mooyyallee Keenyaa ollaa Bandarero, Mooyyallee Itoophiyaatti dhiyaatu Bitootessa 3, 2017.
Mooyyallee Keenyaa ollaa Bandarero, Mooyyallee Itoophiyaatti dhiyaatu Bitootessa 3, 2017.

Afrikaa gama Gaafaa duruu namii hedduun keessaa beelahe taanti beeltii Keenyaatii fi Somaalee jabaachaa deemuutti jirti jedha FEWE NET,dhaabii Amerikaan beela addunyaatiin qorqorattu.

Akkuma kanaan namii Keenyaatti beelaha balaa qabu Ssadarkaa Sadeessoo Phase III keessa jiru miliyoona 1.9 irraa miliyoona 2.9 oli hiiqe.

Akka gabaasa FEWS NET Waxabajjii keessa bahe jedhetti lakkoofsii nama Somaaleetti Beela Balaa qabu keessa jiru miliyoona 2.9 irraa gara miliyoona 3.2 gahe.

Akka FEWS NET jedhetti hanqinnii nyaataa sadarkaa 1-5 qaba.Sadarkaan shananuu ka beela addunyaatiin toahtan.

Sadarkaan Sadeessoo Beela Balaa qabdu afreessoon Muddamsuu (Emergecny) Shaneessoo Beela Du’aa fi Jireenna.

Piiter Toomas dhaaba FEWS NET keessatti gorsaa gargaarsaati.Akka innii VOA-tti himetti sadarakaa sadeessoo sadakaa maatiin ariitiin gargaarsa argachuu male.

“Maatiin sadarkaa kana keessa jiru waan ufiin jireessu hin qabuu qabaachuullee hin dandahu.”

Itoophiyaatti amma keessattuu gari jidduu biyyaa bokkaa dansaa argachuutti jira suniin duratti nama hedduutti bokkaa dhabee beelahe.

Beeltii tun Itoophiyaa gama Kibbaatti akka malee diqqaattetti rakko fidde. Akka biyyaattuu Itoophiyaattuu nama miliyoona 7.8 gargaarsa eegata.

Keenyaan gamii tokko bokkaa silaa argachuu male keessaa harka 25 qofa argate jedha Toomaas.

Akka jecha Toomasitti namii beelahu kanallee caaluu dandaha.Al-Shabaabilleen yoo hedduu lafa warrii tohatu keessatti akka Somaalee gargaarsii hin kennamne dhowwaa baate.

Gargaarsa kana nama irraa dhaamnaa Somaaleetti namii beelaan dhumata jedha Piiter Toomas.Armaan duratti nama kuma 260 Somaaleetti beelaan dhumate.

Mootummaan Amerikaalleen biyya beeltii du’aa fi jireennatti geessuutit jritu Somaalee,Suudan Kibbaa,Naayjeriyaa if Yemeniif gargaarsa doolara miliyoona 630 kennuuf guyyaa dheengaddaa gale.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG