OSFNA (Oromo Sport Federation of North America) Wal dorgommii Ispoortii Oromoo Amerikaa fi Kanaadaa baruma baraana khopheeffatan.
Dorgommiin akkanaa tun tana waliin marroo 21essoo qopheessan. Qophiin baranaa Waxabajjii 29 haga Adoolessa 5,2017 Torbaan Oromoo(Oromo Week) jedhanii seeraan beekamaaf.
Guyyaa akkanaa kanatti wal dorgommii ispoortii fkn kubbaa miilaa, atileetiksii, marii hawaasaa,qophii bashannanaa,marii siyaasaatii fi qophii hedduutti jira.
Dargaggoo Usuu Ejeroo pirezidaantii OSFNA ka baranaati.Akka innii jedhetti barana kilabaoota kubbaa miilaa Oromoo 24 tahanitti dorgommii tanatti dhufa.
Dorgommii kubbaa miilaa kilabii 24 wal dorgomaa garee lamatti jira diziziyona ‘A’ keessaa garee 16 jiraa Diviziyoona ‘B’ keessa ammoo kialbii jira.B keessaa gara 'A' guddachuuf taphatu.
“Kaayoon teenna ummata keena walitti fiduu wal barsiisuu, ijoollee biyya tanati dhalatan maalummaa Oromoo wal barsiisuu.Dhaadannoon teenna ta baranaa Ganna Tokkummaa (Summer of Unity)” jennee itti jirra.
Guyyaa jalqabaa namuu wayaa aadaa ufii naqatee kilabi kubbaa miilaa godina isaaniitii dhufte faana yaa’aa istaadiyoomiin gaha. Akkanuma jechaa guyyaan torbaanuu dorgommii kubbaa miilaatii ala waan ufi qabaataa galgala galgala ammoo qophii bashannannaatti jira.
Dorgommii baranaa kubbaa miilaa ilmaan dubraa,ijoollee didiqqoo ganna 12-15,fiigihca maqaa Abbebee Biqilaaitin qopheessanii fi qophii gara garaatti jira.
Qophii OSFNA ta baranaa istaadiyoomii James Griffin mana barumsa sadarkaa lammeessoo Central High School St.Paul jiru keessatti qopheessa.